Dhimma ijoo ta'etti seeni

FULBAANA 25, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Konstaantiin Baazheenoov, Haati Manaa Isaa fi Obboleettii Maanguddoon Umurii 73 Waggaa Lamaaf Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Turan Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Konstaantiin Baazheenoov, Haati Manaa Isaa fi Obboleettii Maanguddoon Umurii 73 Waggaa Lamaaf Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Turan Murteesse

Fulbaana 25, 2020 Manni Murtii Naannoo Kaamchaatkaa inni Koonyaa Yeelizoovskiitti argamu obboleessa Konstaantiin Baazheenoov, haadha manaa isaa, Sneezhaanaa fi Obboleettii Veeraa Zoolootoovaatti yakka murteesse. Abbaan alangaa duraan Obboleessi Konstaantiin Baazheenoovii fi haati manaa isaa ruublee 600,000 ($7,850 U.S.), Obboleettii Zoolootoovaan immoo 400,000 ($5,195 U.S.) akka adabaman gaafatee ture. Haa taʼu malee, manni murtii waggaa lamaaf dhorkaa tokko tokko jala akka turanii fi sana booda jiʼa jaʼa daangaan tokko tokko akka isaan irratti godhamu murteesseera. Obboleessi Konstaantiin Baazheenoovii fi haati manaa isaa akkasumas Obboleettii  Zoolootoovaan mana hidhaa utuu hin galin ykn utuu hin adabamin hafuu isaatti gammadoo dha.