Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Niikoolaay Kuuziichikiin (bitaa) fi Viyaacheeslaav poopoov (mirga)

MUDDEE 18, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Niikoolaay Kuuziichikiinii fi Viyaacheeslaav Poopoovitti Yakka Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Niikoolaay Kuuziichikiinii fi Viyaacheeslaav Poopoovitti Yakka Murteesse

Guyyaa Murtii

Mudde 18, 2020, Manni Murtii Koonyaa Khoostiinskii inni Soochii jiru Obboleessa Niikoolaay Kuuziichikiinii fi Viyaacheeslaav poopoovitti yakka murteesse. Manni murtichaa Niikoolaayitti hidhaa waggaa tokkoo fi jiʼa tokkoo, Viyaacheeslaavitti immoo hidhaa waggaa tokkoo fi jiʼa kudhanii murteesseera. Taʼus duruma iyyuu mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan keessa yeroo dheeraa waan turaniif, hidhaa isaanitti murtaaʼe akka xumuranitti ilaalameera. Viyaacheeslaav amma iyyuu mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan keessa kan jiru yoo taʼu, murtiin kun akkuma hojii irra ooleen gadhiifama. Niikoolaay manatti hidhamuu irraa bilisa taʼeera.

Ibsa gabaabaa

Niikoolaay Kuuziichikiin

  • Bara Dhalootaa: 1951 (Naannoo Koostroomaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Barumsa muuziqaa erga xumuree booda, piyaanoo taphachuu eegale. Haadha manaa isaa Olgaa wajjin ilmaan sadii guddisaniiru. Damma oomishuu irratti dandeettii qaba

    Baroota 1990maniitti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegale. Raajiin Kitaaba Qulqulluu raawwatamaa akka jiru arguun isaa bara 1993 of murteessee akka cuuphamu isa kakaaseera

Viyaacheeslaav poopoov

  • Bara Dhalootaa: 1974 (Toomsk)

  • Seenaa Jireenyaa: Ijoollummaadhaa kaasee artistii yoo taʼu, boodas hojii keessa manaa miidhagsuu dizaayinii gochuu jalqabe. Haadha manaa isaa Yuuliyaa wajjin yeroo kolleejjii baratutti wal bare. Bara 1998 gaaʼela kan godhatan yoo taʼu, intala tokkoo fi ilmaan lama godhataniiru. Bara 2010 Soochii jiraachuu jalqabe. Maatichi cabbii irra sigigaachuu fi galaana qarqara deemuu jaallata

    Jalqaba Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu kan jalqabde Yuuliyaa dha. Viyaacheeslaav abbaan isaa erga duʼee booda, dhugaa Kitaaba Qulqulluu irraa jajjabina argateera. Bara 2004⁠tti cuuphame

Himata

Onkololeessa 10, 2019, gareen poolisootaa meeshaa waraanaa hidhatan, tokko tokko saroota qabatanii Soochii, Raashiyaatti manneen Dhugaa Baatota Yihowaa 36 weeraran.

Yeroo manni isaanii sakattaʼamu dargaggoonnis taʼan maanguddoonni garaa isaaniitiin lafa irra akka ciisan taasifaman. Moobaayilii, taableetii, kompiitara, barreeffama, yaadannoo fi kaardiiwwan isaanii illee fudhatamaniiru. Mana tokko tokko keessa poolisoonni barreeffamoota dhorkaman dhoksanii kaaʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, poolisoonni Obboleessa Niikoolaay Kuuziichikiinii fi Viyaacheeslaav poopoov ni qaban. Guyyaa itti aanu obboloonni lamaanuu mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan galfaman.

Obboleessi Kuuziichikiin dhibee fayyaa hedduu qaba. Poolisoonni haalli isaa “dhibeewwan hidhamu isa dhowwan keessaa tokko akka hin taane” dubbachuudhaan, gaaffii inni yaalamuuf dhiheesse irra deddeebiʼanii didaniiru. Kutaa hidhamtoota hedduu qabuu fi isaan keessaa tokko tokko sijaaraa xuuxanitti hidhamuun isaa dhibee isaa itti caalchiseera.

Niikoolaay mana hidhaa galuun isaa jireenya isaa balaaf kan saaxile taʼus, akkas jedheera: “Manni hidhaa akkuma meeshaa raajii kaasuu siʼa taʼu, Kiristiyaanni tokko amala gaarii qabaachuu fi dhiisuu isaa mulʼisa.” Niikoolaay of irratti xiyyeeffachuu mannaa nama naga qabeessa namoota isaa wajjin hidhaman warra dhiphatanii fi of ajjeesuu yaadan gargaaruuf carraaqu taʼuudhaan beekama.

Niikoolaay yeroon inni mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan keessa turu al jaʼa erga dheereffamee booda Ebla 22, 2020, mana isaatti akka hidhamu taasifameera. Baayʼee waan dadhabeef dhaabachuu hin dandaʼu. Niikoolaay yaalii akka argatu kan godhame kana booda ture.

Viyaacheeslaav yeroon inni mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan turu al 14 kan dheereffame yoo taʼu, waggaa tokkoo oliif maatii isaa irraa addaan baʼeera.

Niikoolaayii fi Viyaacheeslaav ol aantummaa Yihowaa deggeruuf kutannoo gochuu fi fakkeenya amantii taʼuu isaaniitiif isaan galateeffanna. Faarfannaa 16:8 irratti yaada akkas jedhuu wajjin wal simanii jiraachaa jiru: “Yeroo hunda Yihowaa of dura nan kaaʼadha. Inni mirga kootiin waan jiruuf, ani matumaa hin raafamu.”