Dhimma ijoo ta'etti seeni

MUDDEE 16, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Yuurii Saaveelyeevitti Hidhaa Waggaa Jaʼaa Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Yuurii Saaveelyeevitti Hidhaa Waggaa Jaʼaa Murteesse

Muddee 16, 2020, Manni Murtii Koonyaa Leeniiniskii inni Noovoosiibiiriskii jiru Obboleessa Yuurii Saaveelyeevitti hidhaa waggaa jaʼaa murteesse. Obboleessi keenya Yuurii inni jaallatamaan, amanamaa taʼee kan itti fufe yoo taʼu, qoʼannaa dhuunfaa raajii Kitaaba Qulqulluu irratti godhu irraa ija jabina argachaa jira.

Muddee 9, yaada xumuraa mana murtiitti dubbate irratti Yuuriin carraa kana dhugaa baʼuuf fayyadameera. Namoota achi jiran hunda duratti akkas jedheera: “Raajiin Yesuus dubbate amma ija keessan duratti raawwatamaa jira. Kitaaba Qulqulluu irratti Maarqos 13:9 irraa ilaaluu dandeessu. Caqasichi, ‘Isin garuu of eeggadhaa. Namoonni mana murtiitti dabarsanii isin kennu; manneen sagadaa isaanii keessatti ni reebamtu; anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota dura ni dhaabamtu; kunis isaaniif dhugaa baʼuuf isin gargaara’ jedha.”