Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Kahaansan Kooguut erga itti murteeffamee booda haadha manaa isaa Yekaateerinaa wajjin

FULBAANA 10, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Kahaasan Kooguutitti Yakka Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Kahaasan Kooguutitti Yakka Murteesse

Fulbaana 10, 2020, Manni Murtii Magaalaa Bereezooviskii, inni Naannoo Kemeeroovootti argamu Obboleessa Kahaasan Kooguutitti yakka murteesseera. Inni mana hidhaatti kan hin ergamne taʼus, waggaa lamaa fi walakkaaf dhorkaa tokko tokko jala tura. Obboleessi Kooguut mana hidhaa utuu hin galin hafuu isaa fi haadha manaa fi ilma isaa umurii waggaa saddeetii wajjin taʼuu isaatti baayʼee gammadeera.