Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 23, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Keenya Deeniis Kiriistensan Yeroon Isaa Utuu hin Ga’in Akka Hiikamu Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Keenya Deeniis Kiriistensan Yeroon Isaa Utuu hin Ga’in Akka Hiikamu Murteesse

Waxabajjii 23, 2020⁠tti Manni Murtii Godina Ligooviskii Naannoo Kuuriskiitti argamu obboleessi keenya Deeniis Kiriistensan yeroon isaa utuu hin ga’in akka hiikamu isaaf heyyame. Abbaan murtii, gaaffii abbaa alangaatiin hidhaa obboleessa keenya Kiriistensan isa hafe gara ruubii 400,000⁠tti (doolaara Ameerikaa 5,759⁠tti) isaaf jijjiireera. Murtiin kun guyyoota kudhan gidduutti hojiirra kan oolu yeroo ta’u, sana booda gara manaatti deebi’uudhaan haadha manaa isaa fi michoota isaa wajjin ta’a. Yihowaadhaaf galanni haa ta’u!