Dhimma ijoo ta'etti seeni

MUDDEE 22, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Keenya Seemyoon Baaybaak Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Turu Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Keenya Seemyoon Baaybaak Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Turu Murteesse

Muddee 21, 2020, manni murtii koonyaa Leeniinskii inni Roostoov-oon-Doon jiru obboleessa Seemyoon Baaybaakitti yakka murteessuudhaan waggaa sadii fi walakkaaf dhorkaa tokko tokko jala akka turu ajajeera. Kanaafuu amma mana hidhaa hin galu.

Seemyoon yaada dhumaa guyyoota muraasa dura mana murtiitti dhiheesse irratti lammiin Raashiyaa beekamaa mirga namaatiif falmu tokko akkas akka jedhe ibseera: “Isaan [Dhugaa Baatonni Yihowaan] ariʼatamaa jiru, garuu ni seequ.” Achiis Seemyoon akkas jedheera: “Dhugaa isaa dubbate. Anis sodaanis taʼe jibbi natti dhagaʼamaa hin jiru.” Itti dabalees 2 Qorontos 4:8, 9 irra yaada, “Nuti karaa hundumaan gad dhiibamna, garuu sochoʼuu hin dadhabnu; ni burjaajofna, garuu karaa itti keessaa baanu hin dhabnu; ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; rukutamnee kufna, garuu hin badnu” jedhu dubbisuudhaan kun isaa fi Dhugaa Baatota Raashiyaa jiran irra gaʼaa akka jiru ibseera.