Dhimma ijoo ta'etti seeni

Muddee 17, 2020 Ruusleen Aliyeev haadha manaa isaa Kiristiinaa wajjin  mana murtii dura dhaabatanii

MUDDEE17, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Ruuslaan Aliyeev Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Turu Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Ruuslaan Aliyeev Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Turu Murteesse

Yaada dabalataa Obboleessi Aliyeev dubbate

Muddee 17, 2020, Manni Murtii Koonyaa Leeniinskii inni Roostoov-oon-Doon jiru obboleessi Ruusleen Aliyeev waggaa lamaa fi walakkaaf dhorkaa tokko tokko jala akka turu murteesse. Kanaafuu, amma mana hidhaa hin galfamu.

Guyyoota itti murtaaʼuu isaa dura turanitti, Ruusleen ‘nagaa Waaqayyoo’ akka argatee itti dhagaʼamee ture. (Filiphisiyus 4:7) Tasgabbiidhaan michoota isaatiin akkas jedheera: “Himata yakkaa kana irratti murtoon manni murtii murteessu na hin yaaddessu. Wanti Waaqayyo heyyame hundi toʼannaa isaa jala jira, yeroo sirriittis gargaarsa na barbaachisu naaf godha. Eessa iyyuu yoon jiraadhe Yihowaa tajaajiluu koo ittan fufa.” Dabalataanis Ruusleen obboloonnii fi obboleettonni isaa addunyaa mara jiran amanamummaadhaan jabaatee akka dhaabatu isaaf kadhachaa akka jiran beeka, kana ilaalchisees kun “jajjabina guddaa dha” jedheera.

Muddee 14, 2020, yaada xumuraa mana murtiitti dubbate irratti, Ruusleen ija jabinaan akkas jedheera: “Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti dargaggeessi waggaa 33 tokko mootummaa irratti fincila kakaaseera jedhamee murtiitti dhihaatee ture. Haa taʼu malee, odeeffannoon jiru himanni kun kan isa irratti dhihaate hariiroo Waaqa isaa wajjin qabuun akka taʼe ifa godheera. Yaadni ragaa baatonni dhiheessan wal faallessa, himatichis yakkamaa taʼuu isaa hin mirkaneessine, taʼus yakki itti murtaaʼeera. Namni kun Yesuus Kiristoosi.

“Harʼa jaarraa digdamii tokkoffaatti anis umurii 33⁠tti mootummaa irratti fincila kakaasteetta jedhame akka yakkamaatti mana murtiitti dhiʼaadheen jira. . . . . Kanan himatame ajaja mootummaan kenne cabsiteetta, akkasumas nageenya naannoof balaa taateetta jedhamee taʼu isaa yommuun dhagaʼe himatichi soba waan taʼeef na dinqisiise ture.”

Ruusleen himanni sobaa sanyii fi amantii gidduutti jibba akka kakaase isa irratti dhihaate soba akka taʼe ibseera. Akkas jedheera: “Haala garaa garaatiin kan kaʼee kanan guddadhe yoo xinnaate aadaa biyyoota sadii gidduutti dha isaaniis Raashiyaa, Azarbaajaanii fi Yuukreen dha. Anis aadaa namoota biyya sadan kanaa nan jaaladha. . . . . Michoota koo keessaa namoonni hedduun biyyoota Afriikaa Ingiliffa dubbatanii kan dhufanii fi afaan Chaayinaa kan dubbatanii dha. Kanan dhaladhe Azarbaajaaniitti. Namnni hundi jibba yeroo dheeraaf saba Azarbaajaanii fi saba Armeeniyaa gidduu jiru beeka. Michuun koo inni ani baayʼee itti dhihaadhu garuu nama Armeeniyaa siʼa taʼu cidha koo irrattis ragaa baatu taʼeera. Namoonni sanyii isaaniitiin kan kaʼe warra kaan irra akka caalaan godhanii akka yaadan jajjabeesseera jedhamee himatamuun koo anaafis taʼe warra na beekaniif baayʼee ajaaʼiba.”

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran carraa mana murtiitti argatan ija jabinaan dhugaa baʼuuf kan itti fayyadaman taʼuun isaa baayʼee nama jajjabeessa. Yihowaan abbootii taayitaa duratti amanitii keenyaaf yommuu falminutti namoota garaa qajeelaa qaban gara isaatti akka harkisu mirkanaaʼoo dha.—Maatewos 10:18.