Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi Yuurii Zaaliipaayeev mana murtiitti yaada isaa isa dhumaa yommuu dubbatu

ONKOLOOLESSA 7, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Yuurii Zaaliipaayeev Yakka Irraa Bilisa Akka Taʼe Murteesse!

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Yuurii Zaaliipaayeev Yakka Irraa Bilisa Akka Taʼe Murteesse!

Onkoloolessa 7, 2020, Manni Murtii Koonyaa Maayskii inni Rippuubiliika Baalkaariyaanitti argamu Obboleessi Yuurii Zaaliipaayeev bilisa akka taʼe ibsuudhaan himata irratti dhihaate hunda haqeera. Abbaan alangaa ol iyyannoo dhiheessuuf guyyaa kudhan qaba.

Abbaan alangaa Obboleessi Zaaliipaayeev namoota jeequmsaaf kakaaseera jedhee isa himate. Haa taʼu malee, obboleessi kun warri kaan Kitaaba Qulqulluu akka dubbisan, akkasumas namoota hundatti jaalalaa fi gaarummaa akka argisiisan jajjabeessuun alatti homaa akka hin goone namoonni 30 ol ragaa baʼaniiru.

Dhugaa Baatonni Yihowaa jeequmsa akkamii iyyuu akka hin raawwanne ykn akka hin kakaasne Gareen Bakka Buʼoota UN Sababa Malee Hidhuu Irratti Hojjetu dhiheenya gabaasa dhiheessee kan ture siʼa taʼu, sababiin Manni murtii kun ‘bilisa dha’ jedhee itti murteesse kan biraan kana dha.

Murtii kana booda Obboleessi Zaaliipaayeev akkas jedheera: “Maatii fi michoonni koo hidhaan akka natti murtaaʼu eegaa turan. Yihowaadhaaf galanni haa gaʼuutii yeroo dhadachi kun geggeeffamutti hin dhiphanne. Namoota qulqulluu akkan taʼe naa falman hunda baayʼeen galateeffadha.”