Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 14, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi keenya Poopoovii fi Haati Manaa Isaa Yakkamtoota Akka Taʼan Murteessuudhaan Isaan Adabe

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi keenya Poopoovii fi Haati Manaa Isaa Yakkamtoota Akka Taʼan Murteessuudhaan Isaan Adabe

Guraandhala 14, 2020⁠tti Manni Murtii Magaalaa Viilyuchiniskii Obboleessa keenya Miikhaayil Poopoovii fi haadha manaa isaa Yeleenaa Poopoovaa irratti murtii dabarseera. Manni murtii kun doolaara Ameerikaa 5,508 fi doolaara Ameerikaa 4,722 isaanitti murteesseera; taʼus hidhaan itti hin murtoofne. lamaan isaanii iyyuu murtii kana ilaalchisee ol iyyannoo ni dhiheeffatu.

Miikhaayilii fi Yeleenaan Adoolessa 2018⁠tti qabaman. Sana booda utuu baayʼee hin turin gadhiifamanii himata isaan irratti banamu eegaa turan.

Bara 2019 irraa eegalee manneen murtii Raashiyaa sababii amantii isaaniitiin kan kaʼe Dhugaa Baatota Yihowaa 28 murtiitti dhiheessaniiru. Obboloota kana keessaa kurnan isaanii jiʼoota lamaan darban keessatti qofa kan dhihaatani dha. Taʼus kurnan isaanii yeroo ammaatti mana hidhaa hin seenne.