Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii Anistaasiyaa Saayichevaa

AMAJJII 22, 2021
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleettiin Anistaasiyaa Saayichevaa Walgaʼii Irratti Waan Hirmaatteef Yakkamtuu Akka Taate Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleettiin Anistaasiyaa Saayichevaa Walgaʼii Irratti Waan Hirmaatteef Yakkamtuu Akka Taate Murteesse

Murtii

Amajjii 21, 2021, Manni Murtii Koonyaa Obluunchiiskii Naannoo Jiwiish Awutoonoomoositti argamu obboleettii Anistaasiyaa Saayichevaan yakkamtuu akka taate murteesseera. Waggaa lamaaf dhorkaan tokko tokko ishiitti murtaaʼeera. Mana hidhaa garuu hin galtu.

Ibsa Gabaabaa

Anistaasiyaa Saayichevaa

  • Bara Dhalootaa: 1977 (Teypleezoriskii, Naannoo Jiwiish Awutoonoomoos)

  • Seenaa Jireenyaa: Obbolaa afur qabdi, garuu lamaan isaanii duʼaniiru. Kolleejjii fayyaa irraa barumsa narsiitiin digiriidhaan ebbifamteetti. Ilkaan yaalu irratti hojjetteetti, sana booda immoo hospitaala dhibee sammuu yaalutti qacaramteetti. Yommuu obboleettiin ishii angafaa duututti ijoollee ishii lamaan fudhattee guddisuu jalqabde. Haati ishii yeroo dheeraadhaaf dhukkubsattee hanga duututti ishii kunuunsitteetti

    Yommuu ijoollee turteetti, jireenyi gabaabaa taʼuun isaa ishii yaaddessa ture. Kun immoo Kitaaba Qulqulluu akka qortu ishii kakaase. Kitaaba Qulqulluu irraas deebii quubsaa argatteetti. Bara 1994⁠tti cuuphamtee Dhugaa Baatu Yihowaa taate

Himata

Onkoloolessa 2019⁠tti abbootiin taayitaa Raashiyaa namoota “finxaaleyyii” jedhe waamu keessatti Anistaasiyaa dabaleera. Fulbaana 25, 2019⁠tti Kutaan Qorannoo Tajaajila Nageenyaa Fedaraalaa Raashiyaa Biraabiidizhaanitti argamu Anistaasiyaa irratti himata yakkaa bane. Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa akka hirmaattuu fi waaʼee amantii ishii warra kaanitti akka dubbattu himatamtteetti.

Yeroo dhaddachi sun geggeeffama turetti, abbaan alangaa sagalee fi viidiyoo yommuu Anistaasiyaan bilbilaan haasoftuu fi walgaʼii irratti hirmaattu argisiisu taphachiiseera. Abbaan alangaa wantoonni waraabaman kun obboleettiin keenya gocha “finxaalessummaa” irratti akka hirmaattu akka argisiisan dubbateera. Anistaasiyaan wantoota akka ragaatti dhihaatan kana dhugaa baʼuuf itti fayyadamteetti. Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti namoonni gara laafina, dhiifama gochuu, obsaa fi amaloota kaan horachuu akka baratan ibsiteetti.

Anistaasiyaan yaada xumura dhaddachichaa irratti kenniteetti, Kitaabni Qulqulluun jireenya ishii fooyyessuuf akka ishii gargaare dubbatteetti. Akkas jetteetti: “Harʼa murtiitti kanan dhihaadhe sababa amantii koo fi sochii amantii irratti hirmaachuu koo waanan itti fufeefi; Kitaaba Qulqulluu nan dubbisa, Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuuf michoota koo wajjin walitti nan qabama, Yihowaa jajachuuf faarfannaa nan faarfadha, akkasumas kadhannaa isatti nan dhiheessa.

“Ajaja Ibroota boqonnaa 10 lakkoofsa 24 fi 25 irratti argamu akkamittan hojii irra oolchuu dhiisa? Akkas jedha: ‘Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa, guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu isa duraa caalaa wal haa jajjabeessinu.’ Yihowaan inni Waaqa Hundaa Olii taʼe michoota koo fi obboloota koo wajjin walitti qabamnee Kitaaba Qulqulluu akka dubbisnu, akka wal jajjabeessinuu fi gaarummaa akka walitti argisiisnu erga na ajajee akkamittan isa diduu dandaʼa? Inni qaama ani baayʼee jaaladhu, kabajuu fi waaqeffadhu dha.”

Anistaasiyaan ija jabinaan amantii ishiitiif falmuu ishii fi cimtuu fi amanannaa kan qabdu taʼuu ishii dhagaʼuu keenyatti baayʼee gammanneerra. Gammachuu ishii eegde akka jiraattuu fi qorumsi amantii utuu wal irraa hin citiin ishii irra gaʼu caalaatti akka ishii cimsuu ishiidhaaf kadhanna.—Yaaqoob 1:2, 3.