Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 26, 2021
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleettiin Gaaliinaa Paarkoovaa Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Galtu Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleettiin Gaaliinaa Paarkoovaa Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Galtu Murteesse

Amajjii 26, 2021, Manni Murtii Koonyaa Leeniinsikii inni Roostov On Doonitti argamu obboleettiin Gaaliinaa Paarkoovaan yakkamtuu akka taatee fi waggaa lamaa fi jiʼa sadiif dhorkaa tokko tokko jala akka turtu murteesseera. Mana hidhaa garuu hin galtu.

Xumura dhaddacha sanaa irratti Gaaliinaan ija jabinaan yaada itti aanu dubbatteetti: “Nama amantii waanan taʼeef, harʼa rakkinni maaliif na irra gaʼaa akka jiru beeka. Gooftaan koo Yesuus Kiristoos sababa isaa dursee dubbateera. Yesuus Wangeela Yohaannis boqonnaa 15 lakkoofsa 20 irratti, ‘Garbichi tokko gooftaa isaa hin caalu. Isaan na ariʼataniiru yoo taʼe, isiniinis ni ariʼatu’ jedheera.

“Namoonni Yesuus isa namoota fayyisee fi soore, akkasumas waaʼee Abbaa isaa fi waaʼee Mootummaa gara fuulduraatti dhufuu namootatti hime kan ariʼatanii fi kan ajjeesan erga taʼee, duuka buutonni isaa wanta kana irraa adda taʼe eeguu qabuu? Sababii amantii kootiif ariʼatamuun koo daandii isa sirrii irra akkan jiru amantiin qabu naaf cimseera.”