Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 29, 2021
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Dhugaa Baatonni Yihowaa Jaʼa Dhiheessan Utuu hin Fudhatin Hafeera

Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Dhugaa Baatonni Yihowaa Jaʼa Dhiheessan Utuu hin Fudhatin Hafeera

Amajjii 29, 2021, Manni Murtii Naannoo Uliyaanooviskii murtii yakkaa Onkoloolessa 2020 obboleessa keenya Aleeksaandar Gaaniin, Kihooreen Kihaachiikiyaan, Andiree Taabaakoovii fi Miikhaayil Zeeleensikii dabalatee obboleessa Sergee Miyisiinii fi haadha manaa isaa Naataaliyaa ol iyyannoo akka dhiheessan ibsee ture. Obboleessa keenya Sergee irraa kan hafe hidhaan dhorkaa isaan irratti murteeffame akkuma jirutti itti fufa. Manni murtii murtoo isaan irratti dabarfame waggaa afurii gara waggaa afurii fi walakkaatti akka dabalu godheera. Yeroo kanatti garuu hundi isaanii mana hidhaa hin galan.