Dhimma ijoo ta'etti seeni

MUDDEE 23, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Obboleessa Kahaasan Kooguut Fudhachuu Dide

Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Obboleessa Kahaasan Kooguut Fudhachuu Dide

Muddee 23, 2020, Manni Murtii Naannoo Kemeeroovoo ol iyyannoo obboleessi Kahaasan Kooguut dhiheesse fudhachuu dide. Waggaa lamaa fi walakkaaf dhorkaa tokko tokko jala akka turu murtiin duraan isa irratti darbe amma raawwatamuu jalqaba. Yeroo kanatti mana hidhaa hin galu.

Kahaasan murtiin yakkaa kun akka lammii tokkotti maqaa inni qabu kan jalaa mancaasu taʼuu isaatti kan gaddu taʼus, amanamaa akka taʼee fi Yihowaa biratti fudhatama akka argate waan beekuuf jajjabaateera. Kahaasanii fi haati manaa isaa Yekaateerinaan ilma isaanii Timoofeey isa waggaa saddeet taʼee wajjin Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufuuf murteessaniiru.

Kahaasan Fulbaana 10, 2020 yaada dhumaa mana murtiitti dubbate irratti ija jabinaan akkas jedheera: “Amantiin Yihowaa irratti qabu hin ganu, dhiibbaa akkas akkan godhu na irra gaʼu akka yakkaattan ilaala. Kun wantan cimsee itti amanu dha. Haala akkamii iyyuu keessa yoon jiraadhe, ‘duuti yookiin jireenyi yookiin maleekonni yookiin mootummoonni yookiin wantoonni amma jiran yookiin wantoonni dhufuuf jiran yookiin humnoonni yookiin ol kaʼiinsi yookiin gad fageenyi yookiin uumamni kan biraan akkamii iyyuu jaalala Waaqayyoo irraa gargar na baasuu hin dandaʼu’”—Roomaa 8:38, 39.