Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 19, 2021
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Obboleessi Keenya Sargee Lediiniyoov Dhiheesse Fudhachuu Dide

Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Obboleessi Keenya Sargee Lediiniyoov Dhiheesse Fudhachuu Dide

Amajjii 19, 2021⁠tti Manni Murtii Naannoo Kaamchaatkaa ol iyyannoo obboleessi keenya Sargee Lediiniyoov dhiheesse fudhachuu dideera. Murtiin hidhaa waggaa lamaa kanaan dura itti murteeffamee ture amma hojii irra kan oolu taʼa. Taʼus yeroo ammaatti mana hidhaa galuun isa hin barbaachisu.

Ol iyyannoo inni dhiheeffate ilaalchisee murtiin kennamuu isaa dura Sargeen yaada isaa mana murtichaatiif akka ibsu carraan isaaf kennamee ture. Innis ija jabinaan amantii isaatiif falmeera, Yihowaa waaqeffachuuf akka kutates dubbateera. Akkana jedheera: “Amantiin koo seera jaarmiyaa tokkoo irratti utuu hin taʼin, Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe dha. Fakkeenyaaf, ’manni hundi nama taʼe tokkoon ijaarama; inni wantoota hundumaa tolche garuu Waaqayyo dha, ‘maqaan isaas Yihowaa dha.’ (Ibroota 3:4; Baʼuu 15:3) Murtiin [yakkaa] akkamii iyyuu jechoota kana Kitaaba Qulqulluu irraas taʼe garaa koo keessaa haquu hin dandaʼu.”