Dhimma ijoo ta'etti seeni

MAY 13, 2021
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Obboleettii Yuuliyaa Kaaganoovich Fudhachuu Dide

Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Obboleettii Yuuliyaa Kaaganoovich Fudhachuu Dide

Caamsaa 13, 2021, Manni Murtii Jeewiish Awutoonoomoos ol iyyannoo obboleettiin Yuuliyaa Kaaganoovich dhiheessite fudhachuu dide. Manni murtiin Raashiyaa yaada abbaan alangaa murtiin Yuuliyaa inni jalqabaa akka sirreeffamu dhiheesse deggeree murteesse. Manni Murtichi adabbii ruubilee 10,000 (doolaara Ameerikaa 135) daangaa waggaa lamaa fi jiʼa jaʼatti jijjiireera. Taʼus, yeroo ammaatti mana hidhaa galuun ishii hin barbaachisu.