Dhimma ijoo ta'etti seeni

BITOOTESSA 25, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Yeroo Jalqabaatiif Murtoo Mana Murtii Aanaa Kuffisee Obboloota Jaʼaaf Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Yeroo Jalqabaatiif Murtoo Mana Murtii Aanaa Kuffisee Obboloota Jaʼaaf Murteesse

Bitootessa 25, 2020 Manni Murtii Naannoo Peenzaa murtii obboleessa Vilaadimiir Olushkiin, Vilaadimiir Kuulyaasoov, Andiree Maagliivii fi Deeniis Tiimooshiin akkasumas obboleettota Taatyaanaa Olushikiinaa fi Gaaliyaa Olkahoovaa irratti dabarse kuffiseera. Dhimmi isaanii irra deebiʼamee akka ilaalamu ergameera.

Ol iyyannoo dhihaate moʼuu isaatiin Obboleessi Olushkiin guyyoota muraasa gidduutti mana hidhaatii hiikama. Innis taʼe warri kaan dhimmi isaanii irra deebiʼee hamma ilaalamutti deemsaa fi wantoota kaan irratti dhorkaa jala turu.