Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Yeevgeenii Ispiriin haadha manaa isaa Naataaliyaa wajjin

ONKOLOOLESSA 14, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii ol Iyyannoo Raashiyaa Murtii fi Adaba Qarshii Obboleessa Ispiriin Irratti Darbe Deggere

Manni Murtii ol Iyyannoo Raashiyaa Murtii fi Adaba Qarshii Obboleessa Ispiriin Irratti Darbe Deggere

Onkoloolessa 14, 2020, Manni Murtii Naannoo Ivaanoovoo murtii yakkaa fi adabaa Adoolessa 2020 Obboleessa Yeevgeenii Ispiriin irratti duraan dabarfame deggereera. Manni murtii ol iyyannoo naannoo, gaaffii abbaan alangaa dhimmi Obboleessa Ispiriin irra deebiʼamee akka ilaalamu dhiheesse fudhachuu dideera. Abbaan alangaa waggaa torba akka hidhamu akkuma jalqaba gaafatetti akka itti murtaaʼu gochuuf murtii dhiheenya kenname kana irratti ol iyyannoo ni dhiheessa taʼa.