Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Iildor Uraazbaaktiin

ONKOLOOLESSA 18, 2022
RAASHIYAA

“Maqaa Yihowaatiin Waamamuu Kootti Baayʼeen Boona”

“Maqaa Yihowaatiin Waamamuu Kootti Baayʼeen Boona”

Onkoloolessa 10, 2022, Manni Murtii Godinaa Keezyemiskii Naannoo Kiraansinoyaarisikii obboleessa keenya Iildor Uraazbaaktiiniin yakkamaa akka taʼe murteesseera. Hidhaan daangaa waggaa sadii kan isatti murteeffame taʼus, yeroo ammaatti mana hidhaa hin seenu.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 20, 2021

    Mana obboleessa keenyaa Iildorii fi maatiisaa dabalatee, yoo xinnaate manneen Dhugaa Baatota Yihowaa magaalaa Koodiinskii shan sakattaʼameera. Waajjira poolisii keessatti hidhameera

  2. Adoolessa 21, 2021

    Ni gadhiifame, garuu manaa akka hin baane dhorkame. Bilbila ykn intarneetii akka hin fayyadamnes dhorkameera

  3. Fulbaana 20, 2021

    Manaa akka baʼu kan isaaf heyyamame taʼus, akka hin imalle dhorkame

  4. Amajjii 13, 2022

    Viidiyoo koonfiransiitti fayyadamee “qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu gad fageenya qabu akka godhan, akkasumas obboloonnii fi obboleettonni akka wal deggeran jajjabeesse” jedhamee himatame

  5. Bitootessa 30, 2022

    Himanni yakkaa isarratti baname ilaalamuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

Muuxannoon Iildoriis taʼe obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa keessa jiran kan biroo, Waaqni keenya Yihowaan “yeroo dhiphinaatti” nu gargaaruuf hawwii guddaa akka qabuu fi qophaaʼaa akka taʼe nu yaadachiisa.—Faarfannaa 46:1.