Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mooskootti Duula Dhugaa Baatonni Yihowaa baaburaan gara Saayibeeriyaatti geeffaman waggaa 70⁠ffaa yaadachuuf ibsa Ebla 1, 2021 gaazexeessitootaaf kenname

EBLA 5, 2021
RAASHIYAA

Mooskootti Duula Operation North Jedhamu Waggaa 70⁠ffaa Yaadachuuf Ibsi Gaazexeessitootaaf ni Kenname

Dhugaa Baatonni Yihowaa Gara 10,000 Taʼan Gara Saayibeeriyaatti Geeffamaniiru

Mooskootti Duula Operation North Jedhamu Waggaa 70⁠ffaa Yaadachuuf Ibsi Gaazexeessitootaaf ni Kenname

Ebla 1, 2021, Mooskootti duula Operation North jedhamu waggaa 70⁠ffaa yaadachuuf ibsi gaazexeessitootaaf kennamee ture; duula bara 1951⁠tti godhame kana irratti Dhugaa Baatonni Yihowaa gara 10,000 taʼanii fi Riippabliikoota Sooviyeet durii jaʼa keessa turan baaburaan gara Saayibeeriyaatti geeffamaniiru. Hayyootaa fi beektota mirgoota namummaatiif falman dabalatee namoonni jaʼa ibsa gaazexaa kennaniiru; akkasumas gaaffii gaazexesitoota irraa isaaniif dhihaateef deebii kennaniiru. Namoonni jaʼan kunneen waaʼee duula Operation North jedhamuu ibsuu qofa utuu hin taʼin, ariʼatama yeroo ammaatti Raashiyaa keessatti gaʼaa jiruu wajjin wal qabsiisanii ibsaniiru. Guutummaan ibsa gaazexesitootaaf kenname kanaa tamsaasa kallattiidhaan Intarneetii irratti dabarfameera.

Bakka buʼaa Dhaabbata Dhugaa Baatota Yihowaa Awurooppaa kan taʼe Yaaroslaav Sivuliskii inni yeroo duula Operation North maatiin isaa gara Saayibeeriyaatti geeffamanii turan waaʼee gocha gara jabina kanaa ibsa balʼaa kenneera. Akkana jedheera: “Akka galmeewwan seenaa irraa argannetti, walumaa galatti Dhugaa Baatonni Yihowaa fi maatiin isaanii 9,793 taʼan Saayibeeriyaatti akka geeffaman mirkaneeffachuu dandeenyeerra. Lakkoofsi kun warra duʼanii fi warra karaa irratti dhalatanis kan dabaltu dha.”

Hayyuu amantii Raashiyaa kan taʼan Sargee Ivaanenkoon ololli mootummaan Sooviyeet waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa oofaa ture, duulli Operation North jedhamu akka geggeeffamuu fi yeroo harʼaattis Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaa keessa jiran irratti ariʼatamni akka gaʼu gumaacha gochuu isaa ibsaniiru. Sargee Ivaanenkoon ibsa balʼaa erga kennanii booda jabina guddaa Dhugaa Baatonni Yihowaa argisiisan ilaalchisee akkana jedhaniiru: “Federeeshiniin Raashiyaa bara 2017 jalqabee carraaqqii Dhugaa Baatota Yihowaa ukkaamsuuf gochaa jiru buʼaa tokko illee hin argamsiisne. Dhugaa Baatonni duula Operation North dandamatanii fi Dhugaa Baatonni yeroo ammaattii Raashiyaa keessatti amantii isaaniitiif falmuuf kutatan, Waaqayyoon akka hin waaqeffanne gochuuf yaaluun isaanii gatii akka hin qabne mirkaneessu. Kana irraa kaʼuudhaan mootummaan Raashiyaa mirga seeraa Dhugaa Baatota Yihowaa kabajsiisuf tarkaanfii fudhachuun isaa caalaatti gaarii taʼa.”

Hayyuu amantii Kaazaak kan taʼan Aartar Arteemyev jedhamanii fi kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaa Kaazaakistaan: Ibsa Hawaasaa, Seenaa fi Amantii (2020⁠tti haareffame) jedhamu barreessan, tarkaanfii gara jabinaa mootummaan Sooviyeet fudhate Dhugaa Baatota Yihowaa balleessuun haa hafuutii hinaaffaa isaanii illee qabbaneessuu akka hin dandeenye dubbataniiru. Kanaa mannaa, lakkoofsi Dhugaa Baatota Yihowaa Kaazaakistaan yeroo bulchiinsa Sooviyeet jala turan akka dabale dubbataniiru. Haaluma wal fakkaatuun, Mooskootti Garee Hayyuu Mirgoota Namummaa Heelsiinki kan taʼaan Vaalarii Borischev, “Ariʼatamni caalaatti Dhugaa Baatota Yihowaa cimsa. Abbootiin taayitaa kana hubachuu qabu” jedhaniiru.

Miseensa Mana Maree Hayyootaa Koomishinara Mirgoota Namummaa Raashiyaa kan taʼan Vaalantin Geeftar, mata duree “Raashiyaa Ishii Ammaa Keessatti Namoota Sababii Qalbii Isaaniitiin Hidhuun kan Jalqabee Akkamitti?” jedhuun ibsa kennaniiru. Dhuguma iyyuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa Raashiyaa keessa jiran kan hidhaman sababii qalbii isaaniitiin malee sababii siyaasaatiin miti. “Dhugaa Baatonni Yihowaa diinota mootummaa miti” jedhaniiru. Kana malees, Dhugaa Baatonni Yihowaa sababii amantii isaaniitiin dhimmoota siyaasaa keessa akka hin galle ibsaniiru. Kanaafuu, abbootiin taayitaa Dhugaa Baatota Yihowaa hidhuun isaanii kan hin barbaachisnee fi haqaa kan jalʼisuu dha.

Dhuma irratti ibsa kan kennan Aleksaandar Varkoovskii turan. Aleksaandar Varkoovskiin miseensa Mana Maree Mirgoota Namummaa Pirazidaantichaa, akkasumas hogganaa Dhaabbata Odeeffannoo fi Qorannoo SOVA ti. Dhaabbanni SOVA himata Dhugaa Baatota Yihowaa irratti dhihaate dabalatee, dhimmoota seera mankaraarsitummaa karaa sirrii hin taaneen hojii irra oolchuu wajjin wal qabatan hunda qora, akkasumas ni galmeessa. Aleksaandar Varkoovskiin ariʼatama yeroo ammaatti Raashiyaa keessatti gaʼaa jiru ilaalchisee ibsa kennaniiru. Akkana jedhaniiru: “Ariʼatamni Dhugaa Baatota irra gaʼu ni dhaabbataa laata? Kun gaaffii baayʼee barbaachisaa taʼe dha, garuu deebii isaa hin beeknu.” Varkoovskiin oolee bulee abbootiin taayitaa Raashiyaa ariʼatama Dhugaa Baatota Yihowaa irra geessisan dhaabuu akka qaban ibsaniiru. Kana malees, filannoowwan garaa garaa qaamonni seera tuman karaa mirga namoota akka Dhugaa Baatota Yihowaa nagaadhaan amantii isaanii geggeeffatan hin sarbineen biyyatti sochii mankaraarsitummaa irraa eeguun akka dandaʼamuuf seera mankaraarsitummaa ilaalchisee baʼe sirreessuu itti dandaʼan ibsaniiru.

Gaazexesitoonni haasaawwan dhihaatan ilaalchisee gaaffii akka gaafatan carraan isaaniif kennamee ture.

Gaafuma sana Chiisinaaw Moldoovaattis walgaʼiin geggeeffamee ture; namoonni walgaʼicha qopheessan Institutii Seenaa Akkaadaamii Saayinsii Moldoovaa, Yunivarsiitii Aleekuu Ruusoo magaalaa Baaltiitti argamuu fi Yunivarsitii Boogdaan Peetricheekuu Hazydeeʼuu magaalaa Kaahulitti argamu dha. Ebla 9⁠ttis Yuukreenitti walgaʼii kan biraa gochuuf karoorfameera.