Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii keenya Taatyaanaa Sholner

WAXABAJJII 21, 2021
RAASHIYAA

ODEEFFANNOO HAARAA | Obboleettiin Keenya Taatyaanaa Sholner Yakkaan Himatamtus Yihowaatti Amanamtee Gammachuudhaan Itti Fufteetti

ODEEFFANNOO HAARAA | Obboleettiin Keenya Taatyaanaa Sholner Yakkaan Himatamtus Yihowaatti Amanamtee Gammachuudhaan Itti Fufteetti

Fulbaana 14, 2022 Manni Murtii Ol Iyyannoo Waliigalaa Saglaffaan ol iyyannoo obboleettiin keenya Taatyaanaa Sholner yeroo lammaffaadhaaf dhiheessite fudhachuu dideera. Yeroo ammaatti garuu mana hidhaa hin galtu.

Muddee 16, 2021 Manni Murtii Naannoo Jeewiish Awutoonomas ol iyyannoo Taatyaanaa fudhachuu dideera.

Waxabajjii 25, 2021 Manni Murtii Godinaa Biroobijaan inni Naannoo Jeewiish Awutoonomasitti argamu obboleettiin keenya Taatyaanaa Sholner yakkamtuudha jechuudhaan hidhaa daangaa jiʼa 30 ishiitti murteesseera.

Ibsa gabaabaa

Taatyaanaa Sholner

  • Bara Dhalootaa: 1993 (Biroobijaan)

  • Seenaa Jireenyaa: Abbaan ishii karaa nama gaddisiisuun ijoollummaa ishiitti duʼe; kanaaf haati ishii Taatyaanaa fi obboleessa ishii qofaa ishii guddiste. Faarmaasii keessa hojjetti. Cabbii irra sigigaachuu, biskileetii oofuu fi kubbaa saaphanaa taphachuu jaallatti.

    Yeroo jalqabaaf Kitaaba Qulqulluuf fedhii kan qabaatte yommuu kollejjii teeknikaatti hodhaa barachaa turtetti dha. Dhugaa Baatuun Yihowaa ishii wajjin barattu tokko baayʼee ishii dinqisiisti. Bara 2014⁠tti durbii ishii umurii waggaa 12 yommuu duʼaan dhabdetti abdiin duʼaa kaʼuu ishii jajjabeessera. Bara 2017⁠tti ni cuuphamte.

Himata

Guraandhala 6, 2020, abbootiin taayitaa Biroobijaan, Taatyaanaa ishii umuriin ishii waggaa 27 taʼe dabalatee obboleettota jaʼa irratti himata yakkaa banan. Ishiin amantaa ishii irratti waan hirmaatteef qofa warra kaanii wajjin “finxaaleyyii” jedhamtee himatamte. Naannoo Jeewiish Awutoonomasitti Dhugaa Baatota Yihowaa 19 irratti himanni yakkaa banameera.

Taatyaanaan yommuu ariʼatamni ishii irraa gaʼaa jiru kanatti Yihowaan akka dandamattu ishii gargaaraa akka jiru mirkanaaʼa taateetti. Akkas jetteetti: “Yommuu ariʼatamni jalqabetti barsiifanni hafuuraa koo akka kanaan duraa hin turre, taʼus Kitaaba Qulqulluu dubbisuu hin dhiisne. Miira natti dhagaʼamuu fi wanta na yaaddessu hundumaa Yihowaattin hime. Wanta hunda dandamachuu fi hanga dhumaatti amanamaa taʼee itti fufuu akkan dandaʼuuf hafuura qulqulluu argachuufan kadhadhe. Mana murtii keessatti ofitti amanamummaadhaan maqaa Waaqayyootiif falmuu akkan dandaʼuuf ija jabinaa fi ogummaa akka naaf kennun kadhadhe.”

Itti fufuudhaanis akkana jetteetti: “Yihowaan yeroo hunda akka na deeggaru, akka na gargaaruu fi eegumsa akka naaf godhu beekuun koo gammachuu koo eegee itti fufuuf na gargaareera. Yihowaan harka isaa mirgaa isa cimaadhaan na qabee jira. Kun immoo guutummaatti akkan isatti amanamuu fi yeroo ariʼatamaatti tasgabbaaʼuuf na gargaareera.”—Isaayyaas 41:10.

Taatyaanaan yeroo murtii ishii irratti darbu eeggattu kanatti gargaarsa Yihowaatiin ‘rakkina keessatti jabaattee dhaabbachuu’ ishii akka itti fuftu mirkanaaʼoo dha.—Roomaa 12:12.