Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Dimitirii Terebiloov haadha manaa isaa Irinaa wajjin

HAGAYYA 5, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAAREFFAME | Obboleessi Dimitirii Terebiloov Al Shanaffaaf Hidhamuuf Jedha, Sababa Amantii Isaafimmoo Yeroo Jalqabaaf

ODUU HAAAREFFAME | Obboleessi Dimitirii Terebiloov Al Shanaffaaf Hidhamuuf Jedha, Sababa Amantii Isaafimmoo Yeroo Jalqabaaf

Fulbaana 22, 2022 Manni Murtii Ol Iyyannoo Waliigalaa Lammaffaan ol iyyannoo obboleessi keenya Dimitirii Terebiloov yeroo lammaffaadhaaf dhiheesse fudhachuu dideera. Dimitiriin ammas mana hidhaa jira.

Amajjii 12, 2022 Manni Murtii Naannoo Kostiroomaa ol iyyannoo Dimitirii fudhachuu dideera.

Chaartii Yeroo

  1. Fulbaana 6, 2021,

    Manni Murtii Koonyaa Siviridilaaviskii inni magaalaa Kostiroomaatti argamu Dimitiriitti hidhaa waggaa sadii murteesse. Murtiin kun erga itti murtaaʼe utuma baayʼee hin turin ni hidhame.

  2. Fulbaana 8, 2020

    Himanni yakkaa Dimitirii irratti dhihaate ilaalamuu eegale

  3. Caamsaa 25, 2020

    Dimitiriin yakkaan himatamee akka hin imalle dhorkaan irratti godhame

  4. Fulbaana 19, 2019

    Herregni baankii Dimitirii ni dhorkame

  5. Waxabajjii 13, 2019

    Dimitiriin barreeffamoota dhorkaman waan raabsee fi walgaʼii jaarmiyaan dhorkame godhu irratti waan hirmaateef himanni yakkaa irratti dhihaate

  6. Adoolessa 25, 2018

    Dimitirii fi haati manaa isaa walgaʼii naannoo Moldoovaatti godhame hirmaatanii utuu deebiʼaa jiranii manni isaanii ni sakattaʼame. Akkuma isaan mana gaʼaniin poolisoonni isaan hidhanii qorannoo isaan irratti godhan

Ibsa Gabaabaa

Dimitiriin ‘Maqaa Kiristoosiif jedhee arrabsamuu’ isaa itti fufee yommuu jiru kanatti ‘hafuurri ulfinaa, eeyyee, hafuurri Waaqayyoo akka isa irra buufatu’ amanannaa guutuu qabna.—1 Pheexiros 4:14.