Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Keenya Kiriil Yestigneev

AMAJJII 13, 2022
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Amanannaan Yihowaarratti Qabu Obboleessi Keenya Yestigneev Amanamaa Akka Taʼu Isa Gargaareera

ODUU HAAREFFAME | Amanannaan Yihowaarratti Qabu Obboleessi Keenya Yestigneev Amanamaa Akka Taʼu Isa Gargaareera

Hagayya 1, 2022​tti Manni Murtii Naannoo Noovgoorood ol iyyannoo obboleessi keenya Kiriil Yestigneev dhiheesse fudhachuu dideera. Yeroo ammaatti garuu mana hidhaa hin galu.

Caamsaa 12, 2022, Manni Murtii Naannoo Leeniinskii Magaalaa Niizyiinii Noovgoorood Kiriil yakkamaadha jechuudhaan hidhaa daangaa waggaa sadii itti murteesse.

Chaartii Yeroo

  1. Onkoloolessa 8, 2021

    Himanni yakkaa isa irratti dhihaachuu jalqabe. Yaada abbaa murtiitiif kenne irratti Kiriil walgaʼii amantii utuu hin taʼin walgaʼii bashannanaa irra akka turan ibseera

  2. Hagayya 24, 2021

    Abbootiin taayitaa Kiriil akka hin imalle dhorkaa isa irratti godhan

  3. Fulbaana 2, 2020

    Galma walgaʼii waan kireeffateef Kiriil sochiiwwan finxaaleyyii maallaqaan deggereera jedhamee himanni yakkaa isa irratti baname

  4. Adoolessa 11, 2019

    Galma walgaʼii sana yeroo kireeffatanitti kan mallatteesse Kiriil waan taʼeef abbootiin taayitaa isa irratti xiyyeeffataniiru; manni isaas sakattaʼameera

  5. Waxabajjii 4, 2019

    Walgaʼii sanaa wajjin haala wal qabateen namoota eenyummaan isaanii hin ibsamne irratti qorannaan yakkaa geggeeffamu eegale

  6. Ebla 2019

    Kiriilii fi Dhugaa Baatonni magaalaa Niizyiinii Noovgoorood jiraatan hedduun bashannanaaf galma walgaʼii kireeffatanii turan

Ibsa Gabaabaa

Obboleessi keenya Kiriilii fi haati manaa isaa, akkasumas obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa fi Kiraayimiyaa keessatti ariʼatamni isaan irra gaʼaa jiran hundi ija jabina argisiisuu isaanii akka itti fufan dhagaʼuun keenya amanannaan Yihowaa irratti qabnu akka guddatu godheera.—Filiphisiyus 1:13, 14.