Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Andiree Zyuukoov

WAXABAJJII 7, 2022| ODUU HAAREFFAME: SADAASA 21, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—HIDHAATII GADHIIFAME | Yihowaan Akka Isa Jaallatuu fi Akka Isa Deggeru Caalaatti Mirkanaaʼaa Taʼeera

ODUU HAAREFFAME—HIDHAATII GADHIIFAME | Yihowaan Akka Isa Jaallatuu fi Akka Isa Deggeru Caalaatti Mirkanaaʼaa Taʼeera

Sadaasa 20, 2023, Manni Murtii Godina Yuugorskii inni Naannoo Hoontii-Moonsiikii Awutoonoomoos Yuugrootti argamu murtii obboleessi keenya Andiree Zyuukoov bilisa akka taʼu kennamee ture ni haqe. Dhimmi isaa deebiʼee akka ilaalamuuf ergameera.

Hagayya 7, 2023 Manni Murtii Godina Yuugorskii inni Naannoo Hoontii-Moonsiikii Awutoonoomoos Yuugrootti argamu obboleessa keenya Andiree Zyuukoov mana hidhaatii akka gadhiifamu godheera. Himata isa irratti dhihaate hunda irraa bilisa taʼeera.

Chaartii Yeroo

  1. Hagayya 17, 2020

    Walgaʼiiwwan jaarmiyaa mankaraarsaa dhoksaadhaan akka geggeesse godhamee himanni yakkaa Andiree irratti baname

  2. Hagayya 19, 2020

    Mana Andiree dabalatee manneen Dhugaa Baatota Yihowaa sagal ni sakattaʼame. Mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessatti hidhame

  3. Hagayya 20, 2020

    Kan gadhiifame taʼus naannoo isaa keessaa akka hin baane dhorkame

  4. Amajjii 14, 2021

    Maqaan isaa maqaa namoota mankaraaressitoota taʼanitti kan dabalame yommuu taʼu, maallaqa baankiitii qabutti akka hin fayyadamne dhorkame

  5. Hagayya 4, 2021

    Abbootiin taayitaa “Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu, sagantaa amantii geggeessuu fi barreeffamoota amantii qoʼachuu” dabalatee himata yakkaa kan biraa Andiree irratti banan. Sana boodas qorannaan isa irratti geggeeffameera

  6. Onkoloolessa 15, 2021

    Gaaffiin himanni yakkaa isa irratti baname akka cufamu dhihaate fudhatama utuu hin argatin hafe

  7. Muddee 29, 2021

    Dhimmi isaa mana murtiitti ilaalamuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

Deggersi Yihowaan Andireefis taʼe obbolootaa fi obboleettota jaallatamoo kaan hundaaf mormii isaan irra gaʼu akka dandamataniif kennu, ‘ragaa gaarummmaa isaa’ fi ‘inni isa nama gargaaruu fi nama jajjabeessu’ taʼuu isaa mirkaneessu dha.—Faarfannaa 86:17; miiljalee.