Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaatii gara mirgaatti, toora gubbaa: Obboleessa keenya Sargee Agadzyanoov; obboleettota keenya Liiyuboov Asratiryaan, Gaaliinaa Dergecheyoovaa fi Iinaa Kaardekovaa

Toora gidduu: Obboleettota keenya Irinaa Kivostovaa fi Gaaliinaa Pechikoo; obboloota keenya Konistaantiin Peetrov, Ivaan Puuydaa fi Viktoor Reevaakiin

Toora gajjallaa: Obboleessa keenya Mikaahel Soolnitiseevii fi haadha manaa isaa Oksaanaa; obboloota keenya Sargee Yerkiinii fi Yevgiyeenii Zyeebloov

ONKOLOOLESSA 17, 2022| ODUU HAAREFFAME: BITOOTESSA 7, 2024
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—ISAANITTI MURTEEFFAME |Maagaadaanitti Dhugaa Baatonni 13 Mana Murtiitti Dhihaatan

ODUU HAAREFFAME—ISAANITTI MURTEEFFAME |Maagaadaanitti Dhugaa Baatonni 13 Mana Murtiitti Dhihaatan

Muddee 6, 2024, Manni Murtii Magaalaa Maagaadaan Naannoo Maagaadaan obbolootaa fi obboleettota keenya armaan gadiirratti murtii dabarseera: Sargee Agadzyanoov, Liiyuboov Asratiryaan, Gaaliinaa Dergecheyoova, Iinaa Kaardekovaa, Irinaa Kivostovaa, Gaaliinaa Pechikoo, Konistaantiin Peetrov, Ivaan Puuydaa, Viktoor Reevaakiin, Mikaahel Soolnitiseev, Oksaanaa Soolnitiseev, Sargee Yerkiinii fi Yevgiyeenii Zyeebloov.

Sargee Agadzyanoov, Liiyuboov, Gaaliinaa Dergecheyoova, Iinaa, Irinaa, Gaaliinaa Pechikoo, Viktoor, Mikaahelii fi Oksaanaa tokkoon tokkoon isaanii irratti hidhaan daangaa waggaa sadii isaanitti murteeffameera. Yevgiyeenii irratti immoo hidhan daangaa waggaa shanii isatti murteeffameera. Konistaantiin, Ivaanii fi Sargeen immoo tokkoon tokkoo isaanii hidhaan daangaa waggaa torbaa isaanitti murteeffameera. Yeroo kanatti mana hidhaa galuun isaan hin barbaachisu.

Chaartii Yeroo

  1. Caamsaa 30, 2018

    Ivaan, Konistaantiin, Sargee Yerkiinii fi Yevgiyeeniin sochii jaarmiyaa finxaalessaa taʼe qindeessitanittu jedhamanii himanni yakkaa isaanirratti baname

  2. Waxabajjii 1, 2018

    Obboloonni arfanuu waajjira poolisiitti hidhaman

  3. Hagayya 3, 2018

    Konistaantiin waajjira poolisiitii gadhiifamee manaa akka hin baane dhorkame

  4. Onkoloolessa 5, 2018

    Ivaan, Sargee Yerkiinii fi Yevgiyeeniin kan gadhiifaman taʼus, mana isaaniitii akka hin baane dhorkaman

  5. Bitootessa 20, 2019

    Himanni yakkaa Sargee Agadzyanoov, Gaaliinaa Dergecheyoova, Iinaa, Irinaa, Liiyuboov, Mikaahel, Oksaanaa fi Viktoor irratti baname. Hundisaanii iyyuu akka hin imalle dhorkaman

  6. Bitootessa 27, 2019

    Ivaan, Konistaantiin, Sargee Yerkiinii fi Yevgiyeenii dhorkaa manaa akka hin baane isaanirratti godhamerraa bilisa kan baʼan taʼus akka hin imalle dhorkaman

  7. Ebla 1, 2019

    Walumatti qabaatti hundumasaanii irratti himanni yakkaa ni baname

  8. Bitootessa 2, 2021

    Gaaliinaa Pechikoon akka hin imalle dhorkamte

  9. Bitootessa 5, 2021

    Gaaliinaa Pechikoon sochii jaarmiyaa finxaalessaa taʼe irratti hirmaatteetta jedhamte himanni yakka ishiirratti baname, akkasumas himanni yakkaa ishiirratti dhihaate himata obbolootaa fi obboleettota 12 kaanitti dabalame

  10. Ebla 25, 2022

    Himanni yakkaa isaanirratti baname ilaalamuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

Obboloonnii fi obboleettonni keenya ‘maqaa Kiristoosiif jedhanii kan arrabsaman taʼus, hafuurri Waaqayyoo waan isaan irra buufateef’gammadoo taʼuu isaanii arguu keenyatti baayʼee jajjabaanneerra.—1 Pheexiros 4:14.

a Obboleessi keenya Sargee Agadzyanoov yaada dhuunfaa hin kennine.