Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii Siveetlaanaa Moyinyiis abba manaa ishii Alaam Aaliyeev wajjin

GURAANDHALA 3, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—ITTI MURTAAʼEERA | Obboleettiin Siveetlaanaa Moyiniis Amantii Ishiif Yakkaan Kan Himatamte Taʼus Ilaalcha Gaarii Qabdi

ODUU HAAREFFAME—ITTI MURTAAʼEERA | Obboleettiin Siveetlaanaa Moyiniis Amantii Ishiif Yakkaan Kan Himatamte Taʼus Ilaalcha Gaarii Qabdi

Onkoloolessa 31, 2022, Manni Murtii Koonyaa Biroobijaan inni Naannoo Jeewiish Awutoonoomoositti argamu obboleettii Siveetlaanaa Moyiniis yakkamtuudha jechuudhaan hidhaa daangaa waggaa lamaa fi walakkaa itti murteesseera. Amma garuu mana hidhaa hin galtu.

Bitootessa 9, 2022 Manni Murtii Naannoo Jeewiish Awutoonoomoos murtii Siveetlaanaa irratti darbee ture haqeera. Dhimmi ishii deebiʼee akka ilaalamuuf Mana Murtii Koonyaa Biroobijaan isa Naannoo Jeewiish Awutoonoomoositti argamuuf ergameera.

Guraandhala 15, 2021 Manni Murtii Koonyaa Biroobijaan inni Naannoo Jeewiish Awutoonoomoositti argamu Siveetlaanaan sochii jaarmiyaa dhorkameerratti waan hirmaatteef yakkamtuudha jedhee murteesseera. Manni murtichaa ruubilii 10,000 (doolaara Ameerikaa 135) akka adabamtu murteesseera.

Ibsa Gabaabaa

Siveetlaanaa Moyinyiis

  • Bara Dhalootaa: 1977 (Leysozaavodisk)

  • Seenaa Jireenyaa: Dhibee ijaa itti caalaa deemu dhukkubsatti. Qooqa haaraa barachuu kan jaallattu siʼa taʼu afaan Chaayinaa, Ingiliffaa fi Jarman barattetti. Ilma tokko gara caalaa isaa kophaa ishii guddisteetti. Mana nyaataa xinnoo kan qabdu siʼa taʼu, nyaata Chaayinootaa qopheessuudhaan maatii ishii deeggarti.

    Jalʼinni haqaa addunyaa irratti raawwatamu waan ishii dhiphisuuf Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde. Achiis bara 2005 cuuphamte. Bara 2015​tti immoo, abbaa manaa ishii Alaam Aaliyeev isa dhimma kan biraa irratti yakkaan himatamee wajjin gaaʼela godhatte.

Himata

Fulbaana 26, 2019​tti D. Yaankiin inni ajajaa dhibaa fi qorataa Tajaajila Nageenya Fedaraalaa (FSB) taʼe obboleettii keenya Siveetlaanaa Moyinyiis irratti himata yakkaa bane. Siveetlaanaa Moyinyiis akkoo ishii umurii waggaa 91 kunuunsuuf konkolaataan kan ishii barbaachisu taʼus, manni murtii gara jiʼa lamaaf konkolaataa ishiitti akka hin fayyadamne ishii dhorkeera.

Qorannoon inni jalqabaa Muddee 2019​tti dhume. Boodas abbootiin taayitaa himata ishii gara mana murtii koonyaa Biraabiidizhaaniitti dabarsan.

Siveetlaanaan waaʼee ariʼatama ishii irra gaʼee yommuu yaadu akkas jettetti: “Abbootiin taayitaa mana keenya sakattaʼuuf yommuu dhufan tasgabbaaʼeen ture. Achiis yeroo jalqabaatiif yaada ‘Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman gammadoo dha’ jedhu nan hubadhe.”—Maatewos 5:10.

Manni isaanii erga sakattaaʼamee booda abbaan manaa ishii Alaam qabamee mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisanitti guyyaa saddeeti hidhame. Wanta yaadattu akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Wanti baayʼee natti ulfaate waaʼee isaa gar malee dhiphachuu dhiisuu ture. Dhukubni dugdaa abbaa manaa koo waan itti caalefan dhiphadha. Manni keenya sakattaʼamuu isaa torban tokko dura mana yaalii fayyaa dhaquu qaba ture. Alaamin haasofsiisu karaan itti dandaʼu hin jiru, kanaafuu haala akkamii irra akka jiru hin beeku. Haataʼu malee miira natti dhagaʼamu Yihowaattin hime wanta na yaaddessu hundumaas isa irrattin gate, inni Alaamiif kunuunsa gaarii akka godhuuf beeka.”

Ilaalcha gaarii qabaachuuf akka isaan gargaaruuf amantii isaanii cimsuuf caraaqqi godhu. Akkas jettetti: “Yihowaan na gargaareera yeroon kun yeroon naasuudhaan moʼamu akka hin taane nan hubadha. . . . Ofiirratti xiyyeeffachuu mannaa akkamitti Yihowaadhaaf amanamaa taʼe itti fufuu akkan dandaʼu irratti xiyyeeffachuufan yaala.”

Siveetlaanaa fi Alaam ilaalcha gaarii qabaachuu amantii isaanii cimsuuf jabaatanii hojjetu. “Guyyaa guyyaadhaan anii fi abbaan manaa koo caqasa guyyaa fi Kitaaba Qulqulluu keessaa boqonna tokko dubbisuudhaan irratti mariʼanna. Yeroo hundumaa caqasoota Kitaaba Qulqulluu Yihowaa irraa jajjabina akka argannuu fi isatti akka amanamnu nu jajjabeessuuf xiyyeeffannaa addaa kennina.” Caqasni waggaa 2019 Isaayyaas 41:10 irratti hundaaʼee fi “Waaqa kee waanan taʼeef, hin dhiphatin” jedhu Siveetlaanaa fi Alaam Yihowaan akka isaan jaallatuu akka yaadatanii fi mirkanaaʼoo akka taʼan isaan gargaareera. Akkas jettetti: “Caqasa kana maxxansinee kaaʼuuf murteessine.”

Siveetlaanaan jabaattee dhaabachuun ishii firoottan ishii Dhugaa Baatota hin taane irratti dhibaa gaarii geessiseera. Akkas jetteetti: “Haadha koo ishii yeroo tokko mormitu turteef dhugaa baʼiinsa gaarii kennuu dandaʼeera. Amma amantii keenya ni kabajji wanta na mudatettis akka gadditu yeroo hundumaa natti himti, akkasumas na deggerti. Akkoon koo ishiin umuriin ishii 91 taʼee fi Ortodoksii taatees yeroo hundumaa wanta nu mudatetti akka nuuf gaddituu fi nuuf yaadu natti himti. Kitaaba Qulqulluudhaafis fedha addaa argisiisu jalqabdeetti.”

Waaʼee Siveetlaanaa fi Alaam yaaduu keenya itti fufna. Tasgabbaaʼuu akka dandaʼaniif Yihowaan ‘Garaa isaanii cimsuu’ isaa akka itti fufu beekna.—Faarfannaa 10:17.