SADAASA 17, 2020 | ODUU HAAREFFAME: GURAANDHALA 1, 2023
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME—MURTII HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Dhugaa Baatonni Sadii Dhiheessan Fudhachuu Dide
Amajjii 31, 2023, Manni Murtii Naannoo Kaamchaatkaa Konstaantiinii, haadha manaa isaa Sneezyaanaa fi Veeraatti hidhaa daangaa waggaa lamaa murteesse. Kanaafuu yeroo kanatti mana hidhaa hin galan.
Muddee 15, 2022, Koreen Murtii Himata Yakkaa Mana Murtii Ol Aanaa Raashiyaa murtii Obboleessa keenya Konstaantiin Baazheenoov, haadha manaa isaa Sneezyaanaa fi Obboleettii Veeraa Zolotoovaan yakkamtoota akka hin taane murtaaʼee ture ni haqe. Dhimmi isaanii sadarkaa ol iyyannotti deebiʼe. Dhimmi isaanii yeroo ilaalametti saba Yihowaa akka deggeran argisiisuuf jecha yoo xinnaate bakka buʼoonni biyyoota alaa jaʼa argamaniiru.
Waxabajjii 10, 2022, Manni Murtii Ol Iyyannoo Waliigalaa Saglaffaan gaaffii abbaan alangaan murtiin Konstaantiin, Sneezyaanaa fi Veeraan yakkamtoota akka hin taane isaanitti murtaaʼe duubatti deebiʼe akka ilaalamu gaafate kuffiseera. Abbaan alangaan kun Mana Murtii Ol Aanaa Raashiyaatti ol iyyateera.
Amajjii 18, 2022, Manni Murtii Naannoo Kaamchaatkaa ol iyyannoo Konstaantiin, haadha manaa isaa Sneezyaanaa fi Veeraan yeroo lammaffaaf dhiheessan ni fudhate. Yeruma sanaa kaasee himata yakkamtoota akka taʼan isaan irratti dhihaate hundumaa irraa bilisa taʼaniiru. Obboloonni kun sadan amma murtii seeraan ala yakkamtoota akka taʼan isaan irratti dhihaateef akka kiifaman gaafachuuf mirga qabu. Abbaan alangaa murtoo darbe kana irratti ol iyyannoo ni dhiheessa.
Sadaasa 17, 2020 Manni Murtii Naannoo Kaamchaatkaa ol iyyannoo dhimma Konstaantiin fi haadha manaa isaa Sneezyaanaa akkasumas Veeraa ilaalchisee dhihaate fudhachuu dide. Kanaafuu hidhaan daangaa waggaa lamaa jalqaba isaanitti murtaaʼe amma hojii irra ooluu jalqaba. Amma mana hidhaa hin galan. Sadan isaanii iyyuu ejjennoo cimaa qabu, gammadoodhas.
Fulbaana 25, 2020 yeroo dhimmi isaanii jalqaba ilaalame, obboleessi Baazheenoov murtiin yakkaa itti murtaaʼuun isaa akka isa hin sodaachisne xumura irratti abbaa murtiitti ija jabinaan dubbateera. Kana malees, raajiin Yesuus barattoonni isaa akka ariʼataman Yohaannis 15:20 irratti dubbate isa irratti raawwatamuun isaa mirga guddaa akka taʼe dubbateera.
Achiis obboleessi Baazheenoov Maatewos 28:19, 20 irratti Yesuus barattoonni isaa akka lallaban isaan ajajuu isaa mana murtii sana yaadachiiseera. Obboleessi Baazheenoov itti aansee gaaffii cimaa, “Wanta Kiristoos ajaje hambisuuf ykn dhowwuuf mirga kan qabu eenyu?” jedhu gaafate. Achiis, “Ani cal jechuu hin dandaʼu. . . . Misiraachoo Kitaaba Qulqulluu keessa jiru dubbachuu koo ittan fufa” jedhe.