Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Konstaantiin Sanniikoov

EBLA 8, 2022 | ODUU HAAREFFAME: GURAANDHALA 16, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—MURTII HIDHAA | Abbaan Mana Hidhaa Jiru Tokko Maatiin Isaa Caalaatti Yihowaatti Akka Dhihaatan Gargaaraa Jira

ODUU HAAREFFAME—MURTII HIDHAA | Abbaan Mana Hidhaa Jiru Tokko Maatiin Isaa Caalaatti Yihowaatti Akka Dhihaatan Gargaaraa Jira

Guraandhala 15, 2023, Manni Murtii Godina Sovetiskii Kaazaanitti argamu obboleessi keenya Konistaantin Sanniikoov yakkamaa akka taʼe kan murteesse siʼa taʼu, hidhaa waggaa jaʼaa fi jiʼa jaʼa isatti murteesseera. Hagayya 2020 kaasee waajjira poolisiitti hidhamee kan ture yommuu taʼu, hidhaansaa itti fufa.

Chaartii Yeroo

  1. Hagayya 25, 2020

    Qorattoonni meeshaalee mana Konstaantiin keessa dhoksaadhaan kaaʼaman erga dhaggeeffatanii booda himata yakkaa isa irratti banan. Abbootiin taayitaa maree Kitaaba Qulqulluu irratti godhamu geggeessuu isaatiin sochii finxaalessitootaa akka gurmeessetti godhanii isa himatan

  2. Hagayya 27, 2020

    Qabamee yeruma sana mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursifaman keessatti hidhame

  3. Caamsaa 26, 2021

    Manni murtii haati manaa isaa akka isa hin gaafanne dhorkeera, haati manaa isaa irra deddeebitee gaaffii dhiheessitus gaaffiin ishii fudhatama utuu hin argatin hafeera

  4. Hagayya 20, 2021

    Himanni yakkaa isa irratti dhihaate ilaalamuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

Akkuma Konstaantiin mana hidhaa keessa taaʼee maatiin isa caalaatti Yihowaatti akka dhihaatan gargaaraa jiru, Yihowaan “warra kan isaa taʼan” gargaaruu irraa matumaa duubatti akka hin jenne amanannaa guutuu qabna.—1 Ximotewos 5:8.

a Obboleessi keenya Sanniikoov yeroo ammaatti mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursifaman keessa waan jiruuf isa haasofsiisun hin dandamne.