Dhimma ijoo ta'etti seeni

Toora gubbaa (bitaa gara mirgaatti): Obboloota keenya Ivaan Chaaykooviskii fi Yuurii Cheernishoov

Toora gajjallaa (bitaa gara mirgaatti): Obboloota keenya Viitaalii Komaroov, Sargee Shatalovii fi Vaardaan Zakaariyaan

WAXABAJJII 7, 2022 | ODUU HAAREFFAME: EBLA 3, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—MURTII HIDHAA |Obboloonni Yihowaatti Amanamuun Isaanii Jabaatanii Akka Dhaabbatan Isaan Gargaareera

ODUU HAAREFFAME—MURTII HIDHAA |Obboloonni Yihowaatti Amanamuun Isaanii Jabaatanii Akka Dhaabbatan Isaan Gargaareera

Bitootessa 31, 2023 Manni Murtii Godina Mooskoo Babushkinskiy obboloonni keenya Ivaan Chaaykooviskii, Yuurii Cheernishoov, Viitaalii Komaroov, Sargee Shaataaloovii fi Vaardaan Zakaariyaan yakkamtoota akka taʼan murteesse. Ivaan, Yuurii, Viitaalii fi Sargeetti hidhaa waggaa jaʼaa fi jiʼa sadiitu tokkoon tokkoon isaanitti murtaaʼe. Vaardaanitti immoo hidhaa waggaa afurii fi jiʼa sadiitu itti murtaaʼe. Mana murtiidhaa kallattiidhaan mana hidhaatti geeffamaniiru.

Chaartii Yeroo

  1. Sadaasa 24, 2020

    Abbootiin taayitaa Raashiyaa yoo xinnaate manneen Dhugaa Baatota Yihowaa Mooskoo keessa jiran 20 sakattaʼaniiru. Poolisoonni Ivaan, Yuurii, Viitaalii fi Sargee mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessatti hidhamanitti isaan geessan; achiis qophaatti isaan hidhan. Fiilmiin yeroo manni isaanii sakattaʼamu, akkasumas Yuurii fi maatiin isaa yeroo qorannoodhaaf gaaffiin isaaniif dhihaatu argisiisu waraabamee ture. Achiis fiilmiin kun chaanaalii oduu televizyiinii Biyyattii irratti tamsaafameera

  2. Sadaasa 26, 2020

    Sargeen mana hidhaa yeroo muraasaaf itti hidhaman keessaa kan gadhiifame taʼus, akka manaa hin baane dhorkameera. Vaardaan inni yeroo isaan sakattanitti miidhaan isa irra gaʼe mana yaalaa galee ture, achiis mana hidhaa yeroo muraasaaf itti hidhaman keessatti kophaa isaa akka hidhamu godhameera

  3. Sadaasa 27, 2020

    Manni murtii Ivaan, Yuurii fi Viitaalii mana hidhaa yeroo muraasaaf itti hidhaman keessaa akka baʼan godhee akka manaa hin baane isaan dhorke

  4. Sadaasa 30, 2020

    Vaardaan biiroon abba alangaa humna seeraan ala taʼe akka fayyadame himata erga isa irratti banee booda, abbootiin taayitaa mana hidhaa yeroo muraasaaf itti hidhaman keessaa akka baʼu godhanii akka manaa hin baane isa dhorkan

  5. Guraandhala 16, 2022

    Himanni yakkaa isa irratti baname ilaalamuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan obboloonni keenya jaallatamoon isatti dhihaachuuf carraaqqii gochuu isaanii itti fufuu isaaniitiin, innis isaanii fi maatii isaanitti caalaatti akka dhihaate arguu keenyatti baayʼee jajjabaanneerra.—Yaaqoob 4:8.