Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Aleksaandar Kaabaanoov

HAGAYYA 8, 2022| ODUU HAAREFFAME: MUDDEE 29, 2022
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—MURTIIN DARBEE TURE NI HAQAME | Aleksaandar Kaabaanoov Dursee Qophaaʼuun Isaa Akka Tasgabbaaʼu Isa Gargaareera

ODUU HAAREFFAME—MURTIIN DARBEE TURE NI HAQAME | Aleksaandar Kaabaanoov Dursee Qophaaʼuun Isaa Akka Tasgabbaaʼu Isa Gargaareera

Muddee 27, 2022, Manni Murtii Naannoo Kiraasnaayaarsik Murtii obboleessi keenya Aleksaandar waggaa lamaa fi jiʼa jaʼa gidduutti yoo yakka raawwate hidhaan akka isatti murtaaʼu darbee ture haqe, akkasumas himanni yakkaa haaraan akka jalqabu ajaje. Hagayya 5, 2022, Manni Murtii Magaalaa Zelenaagoriskii dhimma obboleessa keenya Kaabaanoov irratti murtii dabarseera, taʼus ol iyyannoon dhihaateera. Himata haaraa isarratti banamu yeroo eegu kanatti naannoo isaatii baʼee deemuu hin dandaʼu.

Manni Murtii Magaalaa Zelenaagoriski Naannoo Kiraasnaayaariskii, dhiheenyatti dhimma obboleessa keenya Aleksaandar Kaabaanoov irratti murtoo ni dabarsa. Abbaan alangaa hidhaan waggaa lamaa fi jiʼa jaʼaa akka itti murteeffamu gaafateera.

Chaartii Yeroo

  1. Muddee 26, 2019

    Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi waaʼee Yihowaa namootatti dubbachuu dabalatee, sochii jaarmiyaan finxaalessaa taʼee fi dhorkaa jala jiru godhu irratti hirmaatteetta jedhamee hidhame, akkasumas himatame. Waajjira poolisiitti hidhame

  2. Muddee 27, 2019

    Abbaan murtii gaaffii akka hidhamuuf abbaan alangaa gaafate diduudhaan waajjira poolisiitii akka hiikamu godheera

  3. Muddee 6, 2021

    Aleksaandar mana murtiitiif yaada dhumaa kenne. Abbaan murtii akka hidhamu isatti murteessuu mannaa, dhimmichi gara waajjira poolisiitti deebiʼee akka qoratamu ajajuudhaan dhimmichi akka turu godhe

  4. Bitootessa 25, 2022

    Himanni yakkaa isa irratti baname deebiʼee ilaalamuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

Obboloonni keenya Raashiyaa yaada Isaayyaas 2:2 irratti argamu hojii irra oolchuudhaan amantii qabaachuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taʼu. Caqasichi akkana jedha: “Kunoo, Waaqayyo fayyisaa koo ti. Ani amanannaa qaba, homaas hin sodaadhu; Sababiin isaas, Yaah Yihowaan cimina koo fi jabina koo ti.”