SADAASA 20, 2023 | ODUU HAAREFFAME EBLA 26, 2024
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME—MURTIIN HIRʼIFAME | Obboleessa Keenya Yeevgenii Busheev Irratti Hidhaan Waggaa Torbaa ni Murteeffame
Ebla 25, 2024, Manni Murtii Godinaa Kaaliiniiniskii Naannoo Cheliyaabiiniskii hidhaa obboleessa keenya Yeevgenii Busheev irratti murteeffame ol iyyannoo waan dhiheesseef hidhaan waggaa tokkoo isaaf hirʼifameera. Amma kan hidhamu waggaa jaʼaafidha.
Sadaasa 7, 2023, Manni Murtii Godinaa Kaaliiniiniskii Naannoo Cheliyaabiiniskii obboleessi keenya Yeevgenii Busheev yakkamaa akka taʼe ibsuudhaan hidhaa waggaa torbaa isatti murteesseera. Mana murtichaatii kallattiidhaan gara mana hidhaatti geeffameera.
Ibsa Gabaabaa
Obboleessi kan biraan mana hidhaa galuun isaa baayʼee nu gaddisiiseera. Haa taʼu malee, Yihowaan obboleessa keenya Yeevgenii fi warra qorumsi isaan irra gaʼa jiru hundaaf iddoo koolu itti galan taʼuu isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 94:22.
Chaartii Yeroo
Hagayya 24, 2022
Himanni yakkaa isa irratti baname
Fulbaana 8, 2022
Manni isaa ni sakattaʼame
Fulbaana 9, 2022
Akka hin imalle dhorkame
Fulbaana 20, 2023
Ammas himanni yakkaa isa irratti baname
Sadaasa 7, 2023
Yakkamaa akka taʼetti ilaalamuudhaan hidhaan waggaa torbaa isatti murteeffamee