Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaatii gara mirgaatti: Obboleessa keenya Yegoor Baarraanoovii fi obboleessa keenya Yen Seen Lii

HAGAYYA 13, 2021 | KAN HAAREFFAME: BITOOTESSA 6, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—MURTIIN HIRʼIFAME | Obboloonni Keenya Baarraanoovii fi Liin Tasgabbii kan Qabanii fi Yihowaatti kan Amanamanidha

ODUU HAAREFFAME—MURTIIN HIRʼIFAME | Obboloonni Keenya Baarraanoovii fi Liin Tasgabbii kan Qabanii fi Yihowaatti kan Amanamanidha

Bitootessa 1, 2023 Manni Murtii Naannoo Kaabarooviskii ol iyyannoon erga dhihaatee booda murtii obboleessa keenya Yegoor Baarraanooviitti murtaaʼee ture gara waggaa afurii fi walakkaatti gadi buuseera. Garuu yeroo ammaatti mana hidhaa hin galu.

Waxabajjii 6, 2022, Manni Murtii Godinaa Vaazomskii Naannoo Kaabarooviskiitti argamu Yegoor yakkamaadha jedhee waggaa shaniif daangaa jala akka turu itti murteesse. Kan nama gaddisiisu obboleessi keenya Yen Seen Liin himanni isarratti dhihaate utuu ilaalamee hin xumuramin duʼe.

Chaartii Yeroo

  1. Guraandhala 2, 2021

    Manni murtii himata Yegoorii fi Yen Seen irratti dhihaatu dhagaʼuu jalqabe

  2. Sadaasa 20, 2020

    Yegoor bakka hamma mana murtii duratti dhihaatutti itti hidhamee ture irraa guyyoota 177 booda ni gadhiifame

  3. Hagayya 26, 2020

    Manni Murtii Giddu Gala Koonyaa Kaabarooviskii konkolaataa Yen Seen fudhate

  4. Caamsaa 29, 2020

    Yegoor bakka hamma mana murtii duratti dhihaatutti itti hidhamanitti ergame

  5. Caamsaa 26, 2020

    Naannoon Kaabarooviskii Yegoorii fi Yen Seen irratti himanni yakkaa isaan irratti bane

Ibsa Gabaabaa

Obboloonni keenya Yihowaatti amanamuu isaanii waan itti fufaniif isaan galateeffanna, innis jabaatanii akka dhaabbatan akka isaan cimsu amanannaa qabna.—2 Tasalonqee 3:3.