Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleessa Aantoon Cheerminyek, Sargee Korolchakii fi Dimitrii Tischenko

ADOOLESSA 14, 2021 | ODUU HAAREFFAME: MUDDEE 2, 2022
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—MURTIIN NI DABARFAME | Obboloonni Sadii Ariʼatamaaf Qophaaʼun Isaanii Amanamummaa Isaanii Eeguuf Isaan Gargaareera

ODUU HAAREFFAME—MURTIIN NI DABARFAME | Obboloonni Sadii Ariʼatamaaf Qophaaʼun Isaanii Amanamummaa Isaanii Eeguuf Isaan Gargaareera

Sadaasa 30, 2022, Manni murtii Koonyaa Ussuriisk inni Naannoo Piriimooree keessatti argamu obboloonni keenya Aantoon Cheerminyek, Sargee Korolchakii fi Dimitrii Tischenkon yakkamtoota akka taʼan murteesse. Sadan isaaniiyyuu waggaa jaʼa gidduutti yakka yoo raawwatan akka hidhaman isaanitti murtaaʼe. Amma garuu mana hidhaa seenuun isaan hin barbaachisu.

Chaartii Yeroo

  1. Fulbaana 23, 2020

    Himanni obboleessa Aantoon, Sargee fi Dimitrii irratti dhihaate mana murtiitti ilaalamu jalqabe

  2. Adoolessa 7, 2020

    Aantoon, Sargee fi Dimitriin jaarmiyaa “finxaaleyyi” akka taʼetti ilaalamuu fi dhorkame keessatti geggeesitoota taʼudhaan himataman

  3. Waxabajjii 18, 2019

    Sargeen guyyaa lamaaf mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan galfame

Ibsa Gabaabaa

Rakkinnii fi ariʼatamnii isaan irra gaʼu kan itti fufe taʼus Yihowaan amanamummaa Aantoon, Sargee fi Dimitrii akka eebbisu beekna.—Fakkeenya 28:20.