Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa irraa gara mirgaa: Booris Andriyeev, Anaatoolii Lii fi Naataaliyaa Shaaraapoovaa

CAAMSAA 6, 2024 | Adoolessa 11, 2024 HAAREFFAME
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—MURTOO MANI HIDHAA DABRASE| “Wanti Hundi Toʼannaa Yihowaa Jala Jira”

ODUU HAAREFFAME—MURTOO MANI HIDHAA DABRASE| “Wanti Hundi Toʼannaa Yihowaa Jala Jira”

Adoolessa 10, 2024 Manni Murtii Godinaa Koroolsikii Naannoo Piriimooriyeetti argamu dhimma obboleessa keenya Booris Andriyeev, obboleessa keenya Anaatoolii Lii fi Obboleettii keenya Naataaliyaa Shaaraapoovaa ilaalchisee mortoo dabarseera. Booris waggaa jaʼa akka hidhamu, Anaatooliin waggaa jaʼa fi jiʼa jaʼa akka hidhamu akkasumas Naataaliyaan waggaa sadi akka hidhamtu murteesseera. Sadan isaaniyyu durumaa hidhaamanii waan turaniif akkuma hidhamanitti itti fufu

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan akkuma Anaatoolii, Boorisiifi Naataaliyaadhaaf gochaa jiru, yeroo dhiphinaatti kadhannaa keenyaaf deebii kennuudhaan cimina jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu ni amanna.—Faarfannaa 20:1.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 28, 2022

    Himanni yakkaa ni baname

  2. Onkoloolessa 6, 2022

    Magaalaa Yaarooslaaviskii keessatti manneen kudha lama ni sakattaʼaman. Boorisiifi Naataaliyaan mana hidhaa yeroodhaaf itti tursiisan galfaman

  3. Onkoloolessa 7, 2022

    Boorisii fi Naataaliyaan mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisanitti jijjiiraman

  4. Onkoloolessa 12, 2022

    Anaatooliin mana hidhaa yeroodhaaf itti tursiisan galfame

  5. Onkoloolessa 13, 2022

    Anaatooliin mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisanitti jijjiirame

  6. Onkoloolessa5, 2023

    Himanni yakkaa mana murtiitti ilaalamuu jalqabe

a b c Yeroo mata dureen kun qophaaʼaa turetti obboleessi keenya Booris, obboleessi keenya Anaatoolii fi obboleettiin keenya Naataaliyaan mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan keessa waan turaniif yaada dhuunfaa isaanii argachuu hin dandeenye.