Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Andiree Saazonoov

HAGAYYA 26, 2021| ODUU HAAREFFAME: AMAJJII 12, 2024
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—MURTOON DABARFAME TURE NI HAFE | Abbaan Ijoollee Lamaa Sababii Amantii Isaatiin Hidhaan Waggaa 15 Akka Isatti Murteeffamu Akeekkachiifame

ODUU HAAREFFAME—MURTOON DABARFAME TURE NI HAFE | Abbaan Ijoollee Lamaa Sababii Amantii Isaatiin Hidhaan Waggaa 15 Akka Isatti Murteeffamu Akeekkachiifame

Amajjii 11, 2024, argamu Mana Murtii Naannoo Hoontii-Moonsiikii Awutoonoomoos Yuugrootti argamu murtoon Andiree Saazonoov irratti dabarfamee ture ni hambise. Amma dhimmi isaa Mana Murtii Magaalaa Urii isa Naannoo Hoontii-Moonsiikii Awutoonoomoos Yuugrootti akka irra deebiʼamee ilaalamu murteesse.

Chaartii Yeroo

  1. Muddee 24, 2021, Manni Murtii Magaalaa Urii inni Naannoo Hoontii-Moonsiikii Awutoonoomoos Yuugrootti argamuu obboleessa keenya Andiree Saazonoov yakkamaa akka taʼe murteesse, akkasumas ruubilee 500,000 (Doolaaraa Ameerikaa 6,785) isa adabe. Hidhaan waggaa 15 itti murtaaʼuuf ture. Obboleessi keenya yakkamaa akka taʼe itti murtaaʼuu isaatti kan gaddinu taʼus, mana hidhaa akka hin galfamne beekuu keenyatti ni gammanna

  2. Waxabajjii 22, 2020

    Himanni yakkaa Andiree irratti baname

  3. Hagayya 22, 2019

    Dhorkaan manaa akka hin baane isarratti godhame kan irraa kaʼe yeroo taʼu, biyyaa akka hin baanee fi sochiiwwan kan biroo akka hin goone isa irratti murtaaʼe

  4. Guraandhala 26, 2019

    Mana isaa keessatti akka hidhamu taasifame

  5. Guraandhala 6, 2019

    Bakka yeroodhaaf keessa tursiifamanitti geeffame, guyyaa lama boodammoo bakki hojii isaa fi konkolaataan isaa erga sakattaaʼamee booda mana hidhaa hamma murtii duratti dhihaatanitti keessa tursiifamanitti dabarfame

  6. Amajjii 31, 2019

    Sochii jaarmiyaa finxaalessaa gurmeessiteetta, akkasumas irratti hirmaatteetta jedhamee himatame

Ibsa Gabaabaa

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa ariʼatamni isaanitti hammaachaa yeroo jiru kanatti fakkeenya gaarii taʼuu isaanii waan itti fufaniif isaan dinqisiifanna. Yihowaan isaan ‘onnachiisuu fi isaan cimsuu’ isaa akka itti fufu amanannaa guddaa qabna.—Faarfannaa 138:3.