Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Iivaan Shuuliyuk

GURAANDHALA 16, 2022 | ODUU HAAREFFAME: CAAMSAA 10, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSA KEENYATTI NI MURTAAʼE | Obboleessi Iivaan Shuuliyuk Obsuun Isaa Ariʼatama Akka Dandamatu Isa Gargaareera

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSA KEENYATTI NI MURTAAʼE | Obboleessi Iivaan Shuuliyuk Obsuun Isaa Ariʼatama Akka Dandamatu Isa Gargaareera

Caamsaa 10, 2023, Manni Murtii Magaalaa Naazaarovo Naannoo Kiraasnooyariskii obboleessi keenya Iivaan Shuuliyuk yakkamaa akka taʼe kan murteesse siʼa taʼu, hidhaa daangaa waggaa torbaa isatti murteesseera. Kanaafuu amma mana hidhaa galuun isa hin barbaachisu

Chaartii Yeroo

  1. Waxabajjii 18, 2020

    Poolisoonni meeshaa hidhatan mana Shuuliyuk sakattaʼaan, akkasumas Iivaaniin gara mana hidhaa yeroof itti tursan geessan.

  2. Waxabajjii 19, 2020

    Manni Murtii, Iivaan mana hidhaa hanga murtiin kennamutti tursiisan akka galu ajaje

  3. Adoolessa 9, 2020

    Mana hidhaa hanga murtiitti tursiisanii gadi dhiifame. Mana isaatii alatti heyyama malee eenyuu wajjin iyyuu haasaʼu hin dandaʼu. Ganama barii saʼaatii 12:00 kaasee hamma galgala saʼaatii 5:00 manaa akka hin baane dhorkameera, kunis hojii akka hin hojjenne isa taasiseera

  4. Hagayya 14, 2020

    Qorattoonni Iivaanii irra dhorkaan dabalataa akka kaaʼamu barbaadanii turan, taʼus maqaa gaarii waan qabuuf dhorkaan itti hin dabalamne. Dhorkaan isa irra ture hedduun isaa irraa kaʼeera

  5. Hagayya 17, 2020

    Akka hin imalle dhorkame

  6. Fulbaana 15, 2021

    Himanni yakkaa isa irratti dhihaate ilaalamu eegale

Ibsa Gabaabaa

‘Yihowaan namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu, waan beekuuf’ baayʼee isa galateeffanna.—2 Pheexiros 2:9.