Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Aleeksaandar Lubiinii fi haadha manaa isaa Taatyaanaa

GURAANDHALA 5, 2024 | ODUU HAAREFFAME: ONKOLOOLESSA 9 2024—
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSI KEENYA ADABNI MAALLAQAA ITTI MURTAAʼE | “Daandii Kee Yihowaatti Kennadhu”

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSI KEENYA ADABNI MAALLAQAA ITTI MURTAAʼE | “Daandii Kee Yihowaatti Kennadhu”

Manni Murtii Godinaa Shoodriiniskii Naannoo Kurgaan Onkoloolessa 7, 2024​tti obboleessa keenya Aleeksaandar Lubiinirratti murtii dabarsuudhaan adaba maallaqaa rubilii 500,000 (doolaara Ameerikaa 5,180) itti murteesse.

Ibsa Gabaabaa

Akkuma Aleeksaandar haala baayʼee nama gaddisiisu keessattillee hamma deggersa Yihowaatti amanamnetti, amanamummaadhaan jabaannee dhaabbachuu akka dandeenyu amanannaa guutuu qabna.—Isaayyaas 38:14.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 13, 2021

    Himanni yakkaa isarratti baname

  2. Adoolessa 14, 2021

    Manneen Dhugaa Baatota Yihowaa saddeet ni sakattaʼame. Aleeksaandar ni qabame, qorannaan isa irratti geggeeffame, achiis mana hidhaa hamma murtiitti keessa tursiifaman keessatti yeroodhaaf hidhame

  3. Adoolessa 16, 2021

    Mana hidhaa hamma murtiitti keessa tursiifaman keessatti dabarfame

  4. Adoolessa 19, 2021

    Dhibee fayyaa isaatiin kan kaʼe ol iyyannoon ni dhihaate

  5. Hagayya 28, 2021

    Gaaffii Mana Murtii Mirgoota Namoomaa Awurooppaa fi falmitoota mirga namoomaatiin, Aleeksaandar gadhiifamee akka hin imalle dhorkame

  6. Adoolessa 14, 2023

    Himanni yakkaa isa irratti dhihaate ilaalamuu jalqabe

  7. Fulbaana 7, 2023

    Aleeksaandar mana yaalaa waan ciiseef guyyaan mana murtiitti dhihaatu yeroo biraatti dabarfame