Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa: Obboleessa keenya Yuurii Baaraanoovii fi haadha manaa isaa Naadeezyidaa. Mirga: Obboleessa keenya Nikoolaayi Isteepaanoovii fi haadha manaa isaa Allaa

WAXABAJJII 8, 2022
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSI KEENYA GADHIIFAME | Deggarsa Obbolootaa fi Obboleettota Isaanii Argataniiru

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSI KEENYA GADHIIFAME | Deggarsa Obbolootaa fi Obboleettota Isaanii Argataniiru

Sadaasa 10, 2022, Manni Murtii Godinaa Voologdaa ol iyyannoo obboleessi keenya Yurii Baaraanoovii fi Nikoolaayi Isteepaanoov dhiheessan irratti murtii ni dabarse. Murtii Yuuriitti murtaaʼe irratti jijjiiramne hin godhamne. Murtiin hidhaa waggaa afurii yeroo darbe Nikoolaayitti murteeffamee ture hafee waggaa afur keessatti yakka yoo raawwate akka hidhamu isatti murtaaʼe. Yeruma sana mana hidhaatii gadhiifameera.

Fulbaana 5, 2022 Manni Murtii Magaalaa Voologdaa obboloonni keenya Yuurii fi Nikoolaayi yakkamtoota jedhee murteesseera. Yuuriitti hidhaan daangaa waggaa afurii murtaaʼeera. Amma garuu mana hidhaa hin galu. Nikoolaayitti immoo hidhaan waggaa afurii murtaaʼeera. Murtiin isarratti darbes yeruma sana hojiirra ooluu jalqabeera.

Chaartii Yeroo

  1. Muddee 19, 2019

    Humnoonni nageenyaa manneen maatii Dhugaa Baatota Yihowaa magaalaa Voologdaa keessa jiraatan jaʼa cabsanii seenan. Yuurii fi Nikoolaayi qabamanii mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifamanitti geeffaman

  2. Muddee 20, 2019

    Yuuriin kan gadhiifame taʼus, mana isaatii akka hin baane dhorkame

  3. Muddee 23, 2019

    Nikoolaayi mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifamanitti geeffame

  4. Bitootessa 16, 2020

    Yuuriin dhorkaa manaa akka hin baane isa irratti godhame ni kaafameef, taʼus namoota himata yakkaa isa irratti banamee wajjin wal qabatan irratti argaman wajjin akka hin haasofne, akkasumas itti fayyadama bilbilaa fi Intarneetii irratti dhorkaan akkuma isa irra kaaʼametti jira

  5. Caamsaa 19, 2020

    Dhorkaan Yuurii irra ture ni kaafameef

  6. Hagayya 13, 2020

    Nikoolaayi mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessaa baʼus, mana isaatii akka hin baane dhorkame

  7. Fulbaana 25, 2020

    Nikoolaayi dhorkaan manaa akka hin baane isa irra kaaʼame ni kaʼeef

  8. Bitootessa 7, 2022

    Himanni yakkaa isa irratti baname ilaalamuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

Ariʼatamni isaan irra gaʼaa kan jiru taʼus obboloonni keenya amanamummaa isaanii argisiisaa kan jiran taʼuu isaanii arguun baayʼee nama jajjabeessa.—1 Tasalonqee 3:7.