Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Dimitrii Baarmaakiinii fi haadha manaa isaa Yelenaa

SADAASA 1, 2021 | ODUU HAAREFFAME: HAGAYYA 9, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSI KEENYA NI GADHIIFAME | Obboleessi Dimitrii Baarmaakiin Yeroo Dheeraaf Hidhamus Gammachuu Isaa Eegee Itti Fufeera

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSI KEENYA NI GADHIIFAME | Obboleessi Dimitrii Baarmaakiin Yeroo Dheeraaf Hidhamus Gammachuu Isaa Eegee Itti Fufeera

Hagayya 8, 2023, Manni Murtii Vilaadiivoostook inni Koonyaa Peervooreecheenskii Naannoo Piriimooreetti argamu ol iyyannoo obboleessi keenya Dimitrii Baarmaakii fudhatee himata isa irratti dhihaate haqeera. Yeruma sana mana hidhaa hamma murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessaa gadhiifameera. Haa taʼu malee, dhimmi isaa gara waajjira abbaa alangaatti deebiʼeera, kanaafuu siʼa sadaffaadhaaf mana murtiitti dhihaata.

Ebla 27, 2023, Manni Murtii Vilaadiivoostook inni Koonyaa Peervooreecheenskii Naannoo Piriimooreetti argamu obboleessa keenya Dimitrii Baarmaakii irratti hidhaa waggaa saddeetii murteesseera. Yeruma sana mana murtiitii gara mana hidhaatti geeffameera.

Ebla 8, 2022, Manni Murtii Naannoo Piriimooree murtii obboleessi Dimitrii Baarmaakiin bilisa akka taʼu kennamee ture ni haqe. Dhimmi isaa deebiʼee akka ilaalamuuf ergameera.

Chaartii Yeroo

 
  1. Sadaasa 22, 2021, Manni Murtii Koonyaa Peervooreecheenskii inni naannoo Piriimooree keessaa Vilaadivoostokitti argamu Dimitriin yakkamaa akka hin taane murteesse, akkasumas himata yakkaa isa irratti dhihaate hundumaa ni haqe. Manni murtii Raashiyaa Dhugaa Baatuu Yihowaa (gocha jaarmiyaa finxaalessaa taʼe qindeessuu ilaalchisee) seera yakkaa Raashiyaa keeyyata 282.2(1) irratti hundaaʼee himatame tokko yakkamaa miti jedhee yommuu murteessu kun isa jalqabaa ti. Manni murtii kun dhorkaa isa irra kaaʼamee ture ni kaasa. Waajjirri abbaa alangaa ol iyyannoo hin gaafatu yoo taʼe murtiin kun Muddee 3, 2021​tti hojii irra oola

  2. Ebla 20, 2021

    Himanni yakkaa duraan dhihaate akka haaraatti itti fufe

  3. Muddee 18, 2020

    Himanni yakkaa isa irratti dhihaateef ragaa gaʼaan waan hin argamneef gara abbaa alangaatti deebiʼe. Dhorkaan sochii isaa irratti godhame garuu hin jijjiiramne

  4. Onkoloolessa 18, 2019

    Dimitriin guyyaa 447 booda sochiiwwan isaa irratti dhorkaa cimaan erga godhamee booda gadhiifame. Manni murtii yeroo inni buufata poolisii keessa itti turu al kudhan dheeresseera

  5. Adoolessa 28, 2018

    Adoolessa 28, 2018 ganama saʼaatii 1​tti namoonni meeshaa hidhatanii fi fuula haguuggatan, utuu Dimitrii fi Yelenaan akkoo Yelenaa ishii umuriin ishii waggaa 90 taʼe kunuunsaa jiran appaartaamaa isaan keessa jiran cabsanii seenan. Dimitrii fi Yelenaan gara magaalaa isaanii Vilaadiivoostook isa kiilomeetira 177 fagaatee jirutti deebifaman. Dimitriin yeruma sana buufata poolisiitti hidhame

  6. Adoolessa 27, 2018

    Obboleessa Dimitrii Baarmaakiin irratti himanni yakkaa ni baname

  7. Onkoloolessa 2017

    Dubartiin umurii waggaa 30 miseensa Tajaajila Nageenyaa Fedaraalaa tokko Kitaaba Qulqulluuf fedhii kan qabdu fakkaattee dhihaatte. Achiis maree obbolootaa fi obboleettotaa wajjin gootu dhoksaadhaan waraabdi turte

Ibsa Gabaabaa

Dimitrii fi Yelenaan sababa hidhaatiin lammata gargar baʼuu kan dandaʼan taʼus, hiriyoonni gaaʼelaa kun “gammachuu Yihowaa dahoo” isaanii godhachuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼaniiru.—Nahimiyaa 8:10