HAGAYYA 23, 2023 | ODUU HAAREFFAME: WAXABAJJII 25, 2024
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSI NI ADABAME | “Ittuu Caalaatti Na Cimsa”
Waxabajjii 24, 2024, Manni Murtii Magaalaa Lesoosiibiiriski Naannoo Kiraasnayaariski Obboleessa Vaalarii Shaatis irratti yakkamaa akka taʼe murteesse. Vaalariin ruubilii 600,000 (doolaara Ameerikaa 6,894) adabameera.
Ibsa Gabaabaa
Qorumsi akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe Yihowaanis taʼe obboloonnii fi obboleettonni keenya akka nu deggeran beekuun nu jajjabeessa.—1 Pheexiros 5:9, 10.
Chaartii Yeroo
Sadaasa 19, 2021
Himanni yakkaa isa irratti baname
Sadaasa 25, 2021
Manni isaa ni sakattaʼame, akkasumas qorannaadhaaf geeffame
Sadaasa 26, 2021
Sochiiwwan tokko tokko akka hin goone dhorkame
Caamsaa 18, 2022
Akka hin imalle dhorkame
Ebla 10, 2023
Himanni yakkaa mana murtiitti ilaalamuu jalqabe