Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii Taatyaanaa Shulikuuvaa

AMAJJII 4, 2023 | ODUU HAAREFFAME: SADAASA 17, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEETTII KEENYATTI NI MURTAAʼE | Ariʼatamni Gaʼaa Jiraatus Warra Kaan Gargaaruuf Murteessuu

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEETTII KEENYATTI NI MURTAAʼE | Ariʼatamni Gaʼaa Jiraatus Warra Kaan Gargaaruuf Murteessuu

Sadaasa 15, 2023 Manni Murtii Koonyaa Kaznetiski Noovookaznetiskii, obboleettiin keenya Taatyaanaa Shulikuuvaan yakkamtuu akka taate murteesse. Hidhaa daangaa waggaa afurii itti murteesseera. Haataʼu malee yeroo kanatti mana hidhaa hin galtu.

Ibsa Gabaabaa

Nutis akkuma Taatyaanaa, fakkeenya “dhugaa baatota akka duumessa guddaa” gargaarsa Yihowaatiin ariʼatama dandamataniin cimina arganneerra.—Ibroota 12:1.

Chaartii Yeroo

  1. Waxabajjii 8, 2021

    Magaalaa Noovookaznetiskitti Poolisoonni Federaalaa (FSB) mana Dhugaa Baatota Yihowaa sadii humnaan sakattaʼan. Taatyaanaa fi abbaan manaa ishii saʼaatii sadiif qorataman

  2. Waxabajjii 20, 2022

    Himanni yakkaa ni dhihaate. Maree amantii wajjin walqabate akkasumas walgaʼii amantii irratti hirmaateera jedhamee himatame

  3. Adoolessa 22, 2022

    Himanni irratti baname

  4. Fulbaana 27, 2022

    Himanni yakkaa ilaalamuu jalqabe. Abbaan murtii dhimmicha gara abbaa alangaatti deebise

  5. Sadaasa 16, 2022

    Himanni yakkaa deebisee ilaalamuu jalqabe