Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii keenya Irinaa Buuglaak

MUDDEE 13, 2021 | ODUU HAAREFFAME: WAXABAJJII 13, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEETTII KEENYATTI NI MURTAAʼE | “Yihowaatti Dhihaachuun Koo Gammachuu Qabaachuuf Na Gargaareera”

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEETTII KEENYATTI NI MURTAAʼE | “Yihowaatti Dhihaachuun Koo Gammachuu Qabaachuuf Na Gargaareera”

Waxabajjii 6, 2023 Manni Murtii Magaalaa Paartizaaniski inni Naannoo Piriimooreetti argamu obboleettii keenya Irinaa Buuglaak irratti hidhaa waggaa lamaa fi jiʼa jaʼaa murteesseera. Haataʼu malee, yeroo kanatti mana hidhaa hin galtu.

Chaartii Yeroo

  1. Hagayya 6, 2021

    Himanni yakkaa Irinaa irratti dhihaate akka ilaalamuuf gara Mana Murtii Magaalaa Paartizaaniskitti deebiʼe

  2. Sadaasa 30, 2020

    Ragaan waan dhabameef, dhimmi Irinaa gara waajjira abbaa alangaatti deebiʼe

  3. Amajjii 31, 2020

    Guyyoota 107 booda mana ishiitti hidhamuu irraa bilisa taate

  4. Onkoloolessa 16, 2019

    Irinaan buufata poolisiitti guyyaa 179 erga hidhamtee booda gadhiifamtee mana ishiitti akka hidhamtu taasifamte

  5. Ebla 20, 2019

    Halkan keessaa saʼaatii 9​tti Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa mana Irinaa sakattaʼan. Abbootiin taayitaa walgaʼii amantaa gurmeessiteetti akkasumas geggeessiteetti jedhanii ishii himatan. Achiis buufata poolisiitti kan ergamte yoo taʼu, yeroon ishiin achi turtu al sadii dheereffameera

  6. Ebla 19, 2019

    Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa saddeet mana obboleettii waggaa 80 Neelii Taaraasiyuuk jedhamtuu humnaan weeraran. Appaartaamaa sana keessa Irinaa fi intalli ishii Naataaliyaan, akkasumas obboleettonni kan biroo muraasni jiru turan. Yeroo weerarri kun taasifametti Neeliin waan dhukkubsatteef hospitaala geeffamte. Obboleettonni kaanimmoo qabamanii halkan guutuu qorataman. Irinaan ni hidhamte

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan Irinaa dabalatee obbolootaa fi obboleettota keenya jaallatamoo Raashiyaa jiran hundaaf cimina kennuudhaan, obsaa fi gammachuudhaan jabaatanii dhaabbachuu isaanii akka itti fufan akka isaan gargaaru kadhachuu keenya itti fufna.—Qolosaayis 1:11.