FULBAANA 13, 2023| ODUU HAAREFFAME: BITOOTESSA 12, 2024
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME—OBBOLEETTII KEENYATTI NI MURTEEFFAME | “Dhugaa Baatuu Yihowaa Taʼuu Kootti Nan Boona!”
Bitootessa 1, 2024, Manni Murtii Godinaa Sooviyetiskii Magaalaa Ooriyolitti argamu obboleettii keenya Taatyaanaa Piiskaareevaan yakkamtuu akka taate kan murteesse taʼuu isaa irrayyuu, mana sirreessaa keessatti waggaa lamaa fi jiʼa jaʼa hojii humnaa akka hojjettu itti murteeffame. Gamoo kana keessa jiraachuu fi bakka ramadamtetti tajaajila uummataa kennuun ishii irraa eegama.
Ibsa Gabaabaa
Akkuma Taatyaanaa, Yihowaa akka bakka buunuu fi inni yeroo hunda nu wajjin akka taʼu beekuudhaan jabinaa fi jajjabina arganna. Dhugaa Baatota isaa jedhamuu keenya akka ulfina guddaatti ilaalla.—Isaayyaas 44:8.
Chaartii Yeroo
Muddee 9, 2020
Taatyaanaa fi Vilaadimiir ni sakattaʼame. Vilaadimiir ni qabame
Muddee 11, 2020
Vilaadimiir mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessatti hidhame
Onkoloolessa 28, 2021
Himanni yakkaa Taatyaanaa irratti baname
Ebla 10, 2023
Himanni yakkaa ishii irratti dhihaate mana murtiitti ilaalamuu jalqabe