Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa irraa gara mirgaatti: Vilaadimiir Buukiin, Mikaayil Buurkoov, Vaalerii Silaashkiyoovii fi Sargee Yuufyeroov warra obbolaa taʼan

AMAJJII 26, 2022 | ODUU HAAREFFAME: WAXABAJJII 27, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLOONNI KEENYA NI HIDHAMAN | Warra Kaan Gargaaruu fi Yihowaatti Amanamuun Obboloonni Tiindaa Keessatti Argaman Jabaatanii Akka Dhaabbatan Gargaareera

ODUU HAAREFFAME—OBBOLOONNI KEENYA NI HIDHAMAN | Warra Kaan Gargaaruu fi Yihowaatti Amanamuun Obboloonni Tiindaa Keessatti Argaman Jabaatanii Akka Dhaabbatan Gargaareera

Waxabajjii 23, 2023, Manni Murtii Olaanaa Tiindaniskii Naannoo Amuuritti argamu obboloonni keenya Vilaadimiir Buukiin, Mikaayil Buurkoov, Vaalerii Silaashkiyoovii fi Sargee Yuufyerooviin yakkamtoota akka taʼan murteesse. Mikaayilitti hidhaa waggaa jaʼaa fi jiʼa lamaatu itti murteeffame. Vilaadimiir, Vaalerii fi Sargeetti hidhaa waggaa jaʼaa fi jiʼa afuriitu isaanitti murtaaʼe. Obboloonni kun arfan yeruma sana gara mana hidhaatti geeffaman.

Muddee 27, 2022, Manni Murtii Olaanaa Naannoo Amuur murtii Vilaadimiir, Mikaayil, Vaalerii fi Sargee irratti murteeffamee ture haquudhaan dhimmi isaanii akka haaraatti akka ilaalamu murteesse. Obboloonni kun mana hidhaatii kan gadhiifaman yeroo taʼu, himata haaraa isaan irratti banamu eegaa jiru. Haa taʼu malee, naannoo jiraatan keessaa akka baʼan isaaniif hin heyyamamne.

Onkoloolessa 25, 2022 Manni Murtii Olaanaa Tiindaniskii Naannoo Amuuritti argamu, Vilaadimiir, Mikaayil, Vaalerii fi Sargeen yakkamtoota jedhee murteesseera. Vilaadimiir, Vaalerii fi Sargeetti hidhaan waggaa jaʼaa fi jaʼa jaʼaa murtaaʼeera. Mikaayilittimmoo hidhaan waggaa jaʼaa fi jiʼa lamaa murtaaʼeera. Arfan isaaniiyyuu yeruma sana mana murtiitii gara mana hidhaatti geeffamaniiru.

Chaartii Yeroo

  1. Sadaasa 17, 2019

    Poolisoonni mana obboloota arfan olitti caqasamanii dabalatee, mana maatii dhugaa Baatota Yihowaa taʼan saddeetii sakattaʼan

  2. Sadaasa 18, 2019

    Qorattoonni, obboloonni kun arfan mankaraarsitootadha jedhanii isaan himatan. Achiis wabiidhaan kan isaan gadhiisan yeroo taʼu, kun immoo naannoo sana irraa fagaatanii akka hin deemne isaan dhowwa

  3. Adoolessa 26, 2021

    Himanni yakkaa isaan irratti baname ilaalamuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan obboloota keenyaa fi tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan hundatti “jaalala amanamaa” argisiisuu isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—Uumama 39:21.