Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa gara mirgaatti: Obboloota keenya Deenis Filaatoov, Istaaniislaav Kiliinchiinkoovii fi Dimitrii Yoorkak

WAXABAJJII 1, 2022 | ODUU HAAREFFAME: FULBAANA 6, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLOONNI KEENYA YAKKAMTOOTA AKKA TAʼAN ISAANITTI MURTAAʼE | Yihowaan Isaan Cinaa Waan Jiruuf Jabaatanii Dhaabbachuu Dandaʼaniiru

ODUU HAAREFFAME—OBBOLOONNI KEENYA YAKKAMTOOTA AKKA TAʼAN ISAANITTI MURTAAʼE | Yihowaan Isaan Cinaa Waan Jiruuf Jabaatanii Dhaabbachuu Dandaʼaniiru

Fulbaana 5, 2023, Manni Murtii Magaalaa Niizyinyakaamski inni Riippabliika Taataaristaanitti argamu obboloonni keenya Deenis Filaatoov, Istaaniislaav Kiliinchiinkoovii fi Dimiitrii Yoorkak yakkamtoota akka taʼan murteesse. Sadan isaaniitti iyyuu hidhaan daangaa waggaa jaʼa murtaaʼeera. Haataʼu malee yeroo kanatti mana hidhaa hin galan.

Chaartii Yeroo

  1. Sadaasa 18, 2020

    Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa fi poolisoonni meeshaalee waraanaa guguddaa hidhatan manneen maatii Dhugaa Baatota Yihowaa magaalaa Niizyinyakaamski 12 sakattaʼan. Obboloonni sagalii fi obboleettonni sadii qorannoodhaaf gara waajjira poolisiitti geeffaman

  2. Hagayya 24, 2021

    Qorannoo sana booda, Deenis, Istaaniislaavii fi Dimitriin akka hin imalle dhorkaan isaan irratti godhame

  3. Onkoloolessa 7, 2021

    Deenis, Istaaniislaavii fi Dimitriin himanni yakkaa isaan irratti baname. Kan himatamanis ‘faarfannaawwan amantii addaa waan faarfatanii fi kadhannaa waan dhiheessaniifi dha’

  4. Amajjii 27, 2022

    Himanni yakkaa isaan irratti dhihaate Mana Murtii Magaalaa Niizyinyakaamski isa Riippabliika Taataaristaanitti argamutti dabarfame

Ibsa Gabaabaa

Obboloonni keenya hamma jabina Yihowaan kennutti amanamuu isaanii itti fufanitti, akkuma Daawit farfatichi, “Ani Waaqayyo na cinaa akka jiru mirkanaaʼaa dha” jedhee akka isaanitti dhagaʼamu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 56:9.