BITOOTESSA 27, 2024 | ODUU HAAREFFAME: CAAMSAA 13, 2024
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME—OBBOLOOTA KEENYATTI NI MURTAAʼE | Amanannaa Qabaachuu, Qophaaʼuu fi Ilaalcha Sirrii Qabaachuu
Caamsaa 13, 2024, Naannoo Altaayitti Manni Murtii Godinaa Baarnaawul dhiheenyatti obboloota keenya Yuurii Kolotiniskii, Mikaʼeel Reshiyetinekoov fi Anaatoliyaa Saarichiyeev yakkamtoota akka taʼan isaanitti murteesse. Tokkoon tokkoon isaanii irratti hidhaan daangaa waggaa lamaa fi jiʼa sadii isaanitti murteeffameera.
Ibsa Gabaabaa
Obboloota kanneen akka armaan olii bara keenyatti argamanii fi amantii akkasumas Yihowaa irratti amanannaa qabaachuudhaan fakkeenya taʼan ni galateeffanna. Yihowaan waan isaan jaallatuu fi waan isaan hin irraanfanneef isaan gargaaruu isaa akka itti fufu amanannaa qabna.—Faarfannaa 25:10.
Chaartii Yeroo
Caamsaa 25, 2021
Himanni yakkaa Mikaʼeel irratti baname
Caamsaa 27, 2021
Manni Mikaʼeel ni sakattaʼame. Innii fi Antooneenaan ni qorataman. Mikaʼeel imaluu akka hin dandeenye dhorkaan irratti taasifame
Onkoloolessa 6, 2022
Himanni yakkaa Anaatoliyaa fi Yuurii himata Mikaʼeel irratti dabalame
Onkoloolessa 7, 2022
Anaatoliyaa fi Yuriin imaluu akka hin dandeenye dhorkaan isaan irratti taasifame
Amajjii 19, 2023
Himanni yakkaa ni baname