BITOOTESSA 18, 2021 | ODUU HAAREFFAME: MU DDEE 20, 2022
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME—OBBOLOOTA KEENYATTI NI MURTAAʼE | Obboloonni Biraabiidizhaanitti Argaman Afur Hidhaan Itti Murteeffamuu Dandaʼu
Manni Murtii Koonyaa Biraabiidizhaan inni Naannoo Jeewiish Awutoonoomoos jiru, Obboloonni keenya Alaam Aliyeev, Vaalarii Kirigar, Sargee Shulyaarenkoo fi Dimitrii Zaaguliin yakkamtoota akka taʼan murteesse. Obboleessa keenya Aliyeevitti hidhaan waggaa jaʼaa fi jiʼa jaʼa, obboleessa keenya Zaaguliinitti immoo hidhaan waggaa sadii fi jiʼa jaʼa murtaaʼeera. Akkasumas, obboleessa keenya Kirigarii fi Shulyaarenkootti hidhaan waggaa torbaa itti murtaaʼeera. Arfansaanii mana murtiidhaa kallattiidhaan gara mana hidhaatti geeffamaniiru.
Ibsa Gabaabaa
Alaam Aliyeev
Bara Dhalootaa: 1963 (Mandara Liiyaakii, Azarbaajaan)
Seenaa Jireenyaa: Jarmanitti waraana Tokkummaa Sooviyat keessatti tajaajileera. Booda immoo bidiruu qurxummii ittiin qaban irratti hojjeteera. Bara 1989tti Habaaraviskii, Raashiyaa keessa jiraachuu jalqabe. Yeroo dhihoodhaa asitti immoo warshaa keessatti hojjeta
Raashiyaa jiraachuu jalqabee utuu baayʼee hin turin immoo Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Bara 1991tti ni cuuphame. Bara 2015tti immoo Vetlaanaa fuudhe. Manaa gadi baʼanii yeroo dabarsuu ni jaallatu
Vaalarii Kirigar
Bara Dhalootaa: 1968 (Naannoo Jeewiish Awutoonoomoos)
Seenaa Jireenyaa: Maatii amantaa hordofan hin qabne keessatti guddate. Ijoollummaa isaatti jimnaastikii jaallata ture. Walʼaansa sukkuummaadhaan kennamu baratee dhiheenyatti hojii mataa isaa banateera. Bara 1994tti cuuphame. Bara 2017tti Naataaliyaa fuudhe. Kubbaa harkaa taphachuu fi manaa gadi baʼanii yeroo dabarsuu ni jaallatu
Sargee Shulyaarenkoo
Bara Dhalootaa: 1984 (Habaaraviskii)
Seenaa Jireenyaa: Ijoollummaa isaatti kan jiraate Turkimintaan keessa dha; yeroo sanatti abbaan isaa achitti waraana keessatti tajaajilaa ture. Maashinii suphuu irratti gargaaraa taʼee hojjeta. Fakkii kaasuu fi afaan biyya alaa barachuu jaallata. Waaʼee Yihowaa kan isa barsiiste haadha isaa ti. Bara 1997tti umurii isaa 13tti cuuphame
Dimitrii Zaaguliin
Bara Dhalootaa: 1973 (Habaaraviskii)
Seenaa Jireenyaa: Ijoollummaa isaatti loltuu taʼuu barbaada ture. Maarshaal aartii fi paaraashuutitti fayyadamuu leenjiʼeera. Yeroo ammaatti dhaabbata daandii baaburaa hojjetu keessatti hojjeta. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabe bara 1991tti. Bara 1992tti ni cuuphame. Taatiyaanaa kan fuudhe immoo bara 2012tti
Himata
Biraabiidizhaanitti, Caamsaa 17, 2018tti abbootiin taayitaa nageenyaa 150 ta‵an duula sakattaʼiinsaa “Guyyaa Murtii” jedhamu geggeessanii turan. Obboleessi Alaam Aliyeev “sochii dhaabbata finxaalessaa qindeessuudhaan” himatamee mana hidhaa murtii dura itti tursanitti guyyaa saddeetiif hidhamee ture. Obboloonni Vaalarii Kirigar, Sargee Shulyaarenkoo fi Dimitrii Zaaguliin jedhamanis himatamanii turan. Obboloonni arfanuu naannoo sanaa akka hin baane dhowwamaniiru. Kana malees, haadhotiin manaa Alaam, Vaalarii fi Dimitrii sababa adda addaatiin himatamaniiru.
Alaam qabamuu isaa dura ariʼatama dandamachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe qorannaa godheera. Kana malees wanta barate namoota gumii keessa jiran kaanitti himeera. Akkana jedheera: “Obboloonnii fi obboleettonni yeroo ariʼatamni isaan mudatutti sodaadhaan akka hin moʼamne isaan jajjabeesseera. Jajjabinni kun yeruma isaatti kan kenname ture; sababiin isaas, torban tokko booda maatiiwwan gumii keenyaa 21 manni isaanii ni sakattaʼame.”
Vaalarii fi haati manaa isaa Naataaliyaan mirgi naannoo garaa garaatti imaluuf qaban waan jalaa daangeffameef, walgaʼii guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa Kooriyaa Kibbaatti magaalaa Soolitti godhame irratti argamuu hin dandeenye. Kana malees warra isaa Israaʼel jiraatan akka gaafatan heyyama hin arganne. Kan nama gaddisiisu, abbaan isaa Guraandhala 2019tti duʼaan boqotan. Jiʼoota muraasa dura immoo haati isaa yaaliin lafee dugdaa baqaqsanii hodhuu godhameefii waan tureef kunuunsa guddaatu ishii barbaachisa. Vaalariin Yihowaan akka isaan gargaaru amanannaa guutuu qaba. Warri isaa amantaa isaa kan hin hordofne taʼus, haadha isaa kan kunuunsan obbolootaa fi obboleettota hafuuraa isaa Israaʼelitti argamani dha. Akkana jedheera: “Haala haadha kootii ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa dhiheessineerra; innis kadhannaa keenyaaf deebii kenneera. Obboloonni Israaʼel keessa jiraatan haadha kootiif karaa miiraa deggersa godhaniiru. Bira dhaqanii ishii gaafataniiru, ishii wajjin haasaʼaniiru, akkasumas walgaʼii irratti akka argamtu ishii affeeraniiru. Nuti haadha koo wajjin taʼuu kan hin dandeenye taʼus, karaa obboloota keenyaa harka Yihowaa ilaalleerra.”
Dimitriin ariʼatamni isa irra gaʼe wanta duraan beeku tokko isaaf mirkaneesseera. Akkana jedheera: “Jireenya keenya keessatti wanti hundi yeroo nuuf milkaaʼuu fi waaqeffannaa Waaqayyoof dhiheessinu irratti yeroo dhorkaan hin jirretti, salphaatti qabeenya hafuuraa keenya akka laayyootti ilaaluu fi dagachuu dandeenya. Haa taʼu malee, yommuu abbootiin taayitaa carraa Waaqayyoon bilisummaadhaan itti waaqeffannu nu dhabsiisan, haala akkamii iyyuu keessatti Waaqayyootti dhihaachuuf wanta nuuf dandaʼame hundumaa gochuun akka nurra jiraatu hubanna. Kanaafuu, bilisummaa amma qabnutti fayyadamnee ‘samii keessatti qabeenya [kuufachuun]’ keenya ogummaa dha. Akkas gochuun keenya hamma dhumaatti jabaannee dhaabbachuu fi amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu gochuuf nu gargaara.”—Maatewos 6:20.
Yihowaan obboloonni keenya jaallatamoon Raashiyaatti argaman jabaatanii akka dhaabbataniif “[humna] humna caalu” isaaniif kennaa akka jiru hin shakkisiisu.—2 Qorontos 4:7.