Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti, tarree gubbaa: Obboleessa Vilaadmiir Koochineevii fi haadha manaa isaa Gaalinaa; Obboleessa Vilaadislaav Koobaanoov. Tarree dakaa: Obboleessa Paavel Leekontiseevii fi haadha manaa isaa Oksaanaa; Obboleessa Sergee, Loogunoovii fi haadha manaa isaa Laarisaa; Obboleessa Nikoolaayi Zihuugiinii fi haadha manaa isaa Gaalinaa

ONKOLOLEESSA 1, 2021 | ODUU HAAREFFAME: HAGAYYA 29, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLOOTA KEENYATTI NI MURTAAʼE | Obboloonni Shan Ariʼatamni Isaan Irra Gaʼus Jabaatanii Dhaabbachuuf Kutataniiru

ODUU HAAREFFAME—OBBOLOOTA KEENYATTI NI MURTAAʼE | Obboloonni Shan Ariʼatamni Isaan Irra Gaʼus Jabaatanii Dhaabbachuuf Kutataniiru

Hagayya 28, 2023, Manni Murtii Koonyaa Piramoshliinii inni Oreenbargitti argamu obboleessa Vilaadmiir Koochineev, Vilaadislaav Koobaanoov, Paavel Leekontiseev, Sergee Loogunoovii fi Nikoolaayi Zihuugiin yakkamtoota akka taʼan isaanitti murteesse. Hidhaan daangaa waggaa lamaa fi jiʼa jaʼaa hanga waggaa sadii fi jiʼa jaʼaa taʼu isaanitti murtaaʼeera. Kanaaf yeroo kanatti mana hidhaa hin galani.

Chaartii Yeroo

  1. Bitootessa 1, 2021

    Dhimmi kun waajjira abbaa alangaatti erga deebiʼee waggaa tokko booda, Mana Murtii Koonyaa Industiryaalnii isa Oreenbargi jirutti ilaalamuu eegale

  2. Amajjii 14, 2020

    Himanni yakkaa kun yaadni isaa ifa waan hin taaneef gara waajjira abbaa alangaatti akka deebifamu godhame

  3. Hagayya 3, 2018

    Vilaadmiir guyyaa 79 booda waajjira poolisiittii baafamee mana isaatti akka hidhamu taasifame

  4. Caamsaa 16, 2018

    Angawoonni manneen maatiiwwan Naannoo Oreenbargitti argaman 19 sakattaʼan. Viladmiirii fi Vilaadislaav bakka tursiisa shakkamtootaa galfaman. Vilaadislaav guyyaa sadii booda mana isaatti hidhamuu irraa bilisa taʼe

  5. Caamsaa 14, 2018

    Daayreektooreetiin Qorannoo, Koree Qorannoo Federeeshinii Raashiyaa inni Naannoo Oreenbargitti argamu obboloota kana shanan irratti iyyuu himata yakkaa bane

Ibsa Gabaabaa

Waraanni seeraa amantii isaanii irra gaʼu waggaa sadii oliif kan itti fufe taʼus, obboloonni keenya Yihowaaf amanamoo taʼanii jiraachuuf akka kutatan ifa dha. Yihowaanis amanamaa isaaniif taʼaa akka jiru ifatti mulʼachaa jira.—2 Saamuʼel 22:26.