Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa irraa gara mirgaatti, toora isa gubbaa: Obboloota keenya Vaasilii Buuryenyeskuu, Viiktoor Fiyefiiloov, Iigoor Koobootoov fi Iigoor Peetroov. Toora isa gajjallaa: Obboloota keenya Liiyoonid Riisiikoov, Iigoor Tiriifonoovii, obboleessa keenya Paavel Roomaashoovii fi haadha manaa isaa Viyoolaa Shepeel

ADOOLESSA 26, 2022 | ODUU HAAREFFAME: MUDDEE 6, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLOOTAA FI OBBOLEETTI KEENYA TOKKOTTI NI MURTAAʼE | Ija Jabinaa fi Gammachuudhaan Dandamachuu

ODUU HAAREFFAME—OBBOLOOTAA FI OBBOLEETTI KEENYA TOKKOTTI NI MURTAAʼE | Ija Jabinaa fi Gammachuudhaan Dandamachuu

Muddee 5, 2023, Manni Murtii Magaalaa Surgut, inni Naannoo Hantii-Mansiiski Awutoonoomas Yugraatti argamu obboloonni 17 fi obboleettiin keenya tokkoo yakkamtoota akka taʼan murteesse. Obboloonni kun, Vaasilii Buuryenyeskuu, Viiktoor Fiyefiiloov, Iigoor Koobootoov, Iigoor Peetroov, Liiyoonid Riisiikoov, Iigoor Tiriifonoovii fi obboleessa keenya Paavel Roomaashoovii fi haadha manaa isaa Viyoolaa Shepeelidha. a Obboloota 17 kanatti hidhaan daangaa waggaa jaʼaa fi jiʼa sadii hanga waggaa torbaa taʼu isaanitti murtaaʼeera. Obboleettii Sheepeelitti immoo hidhaan daangaa waggaa jaʼaa fi jiʼa sadii ishiitti murtaaʼeera. Haataʼu malee yeroo kanatti mana hidhaa hin galan.

Chaartii Yeroo

  1. Guraandhala 15, 2019

    Poolisoonni mana Dhugaa Baatota Yihowaa magaalaa Surgutii fi magaalota naannoo ishiitti argaman hedduu sakattaʼan. Obboloonni torba, yeroo qoratamaa turanitti akka reebaman gabaasaniiru. Obboloonni sadii waajjira poolisiitti hidhamaniiru, obboleessi tokko immoo yeroo booda mana yaalaa sammuu akka deemu ajajameera

  2. Onkoloolessa 3, 2019

    Viiktoor, Iigoor Koobootoov, Iigoor Peetroov, Liiyoonid, Iigoor Tiriifonoov, Paavelii fi Viyoolaan galmee namoonni finxaaleyyii taʼan irratti galmeeffamanitti dabalaman

  3. Onkoloolessa 10, 2019

    Vaasiliin galmee namoonni finxaaleyyii taʼan irratti galmeeffamanitti dabalame

  4. Adoolessa 23, 2020

    Manni obboleessa keenya Iigoor Peetroov yeroo lammaffaatiif sakattaʼame, miʼawwan isaa hedduunis jalaa fudhataman

  5. Onkoloolessa 29, 2021

    Himanni yakkaa isaan irratti baname qoratamuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

‘Rakkinni, dhiphinni, ariʼatamni ykn balaan’ akkamii iyyuu obboloota keenya irra yoo gaʼe, jaalalaa fi deggersa Yihowaatiin ‘guutummaatti injifannoo akka argatan’ amanannaa guutuu qabna.—Roomaa 8:35, 37.

a b Erga gaaʼela dhaabbattee boodas maquma abbaa ishiitiin waamamuu itti fufte.