MUDDEE 14, 2023 | ODUU HAAREFFAME: AMAJJII 30, 2024
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME—OBBOLOOTATTI HIDHAAN NI MURTEEFFAME | “Wanti Baayʼee Barbaachisaa Taʼe Yihowaatti Amanamuudha”
Amajjii 25, 2024, Manni Murtii Saamaaraa inni Godinaa Saamaariskiitti argamu obboloota keenya Araam Daaniyeliyaan, Deenis Kuziyaniin, Sargee Poloosenkoo fi Niikoolaay Vaasiiliiyeev irratti yakkamtoota akka taʼan isaanitti murteesse. Tokkoon tokkoon isaanii hidhaan waggaa torbaa isaanitti murteeffameera. Yeruma sana mana murtiitii gara mana hidhaatti geeffamaniiru.
Ibsa Gabaabaa
Yihowaan namoota sababii amantii isaaniitiin rakkinni isaani irra gaʼaa jiru hunda, hojii gaarii fi dubbii gaarii hundumaan isaan cimsuudhaan’ jajjabeessuu isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—2 Tasalonqee 2:16, 17.
Chaartii Yeroo
Muddee 14, 2021
Deenis, irratti himanni yakkaa dhihaate
Muddee 15, 2021
Manni Deenis, Niikoolaayii fi Sargee ni sakattaʼame. Qabamanii yeroodhaaf mana hidhaa hamma murtiitti keessa tursiifaman keessatti hidhaman
Muddee 16, 2021
Deenis, Niikoolaayii fi Sargeen mana hidhaa hamma murtiitti keessa tursiifaman keessatti hidhaman
Amajjii 6, 2022
Himanni yakkaa obboleessa keenya Araam irratti dhihaate. Buufata xiyyaaraatti qabame
Amajjii 7, 2022
Araam mana hidhaa hamma murtiitti keessa tursiifaman keessatti hidhame
Muddee 12-14, 2022
Obboloonni arfanuu mana hidhaa hamma murtiitti keessa tursiifaman keessaa gadhiifamanii akka hin imalle dhorkaman
Waxabajjii 16, 2023
Himanni yakkaa isaan irratti dhihaate ilaalamuu jalqabe