Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleessa Aleeksaandar Priyaaniikoov, Obboleettii Veeneeraa Duuloovaa fi Daariyaa Duuloovaa

AMAJJII 27, 2020 | ODUU HAAREFFAME: GURAANDHALA 9, 2024
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OL IYYANNOON FUDHATAMA HIN ARGANNE | Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Aleeksaandar Priyaaniikoov, Obboleettii Veeneeraa fi Daariyaa Duuloovaa wajjin Yakka Isaanitti Murteesse

ODUU HAAREFFAME—OL IYYANNOON FUDHATAMA HIN ARGANNE | Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Aleeksaandar Priyaaniikoov, Obboleettii Veeneeraa fi Daariyaa Duuloovaa wajjin Yakka Isaanitti Murteesse

Guraandhala 8, 2024, Manni Murtii Naannoo Isveerdilooviskii ol iyyannoo obboleessi keenya Aleeksaandar Priyaaniikoovii fi obboleettii keenya Veeneeraa fi Daariyaa Duuloovaan dhiheessan fudhatama akka dhabu godheera. Hidhaan daangaa isaanitti murteeffamee ture amma hojii irra oolchama. Yeroo kanatti mana hidhaa hin galan. Yeroo himanni ishii irratti dhihaate umurii waggaa 18 gad waan turtee fi yeroon himanni ishii irratti dhihaachuu qabu waan darbeef, dhimmi obboleettii keenya Daariyaa Duuloovaan addaan citeera.

Bitootessa 14, 2023, Manni Murtii Ol Aanaa Raashiyaa murtii obboleessi keenya Aleeksaandar Priyaaniikoovii fi obboleettii keenya Veeneeraa fi Daariyaa Duuloovaan yakkamtoota akka hin taane murtaaʼe ture haqe. Dhimmisaanii amma sadarkaa ol iyyannootti deebiʼa.

Bitootessa 15, 2022, Manni Murtii Naannoo Sverdilovisk murtii Aleeksaandar, Veeneeraa fi intalli ishii Daariyaa yakkamtoota akka taʼan murtaaʼe kuffise. Haa taʼu malee, sadan isaaniiyyuu himata kan biraarratti yakkamtoota akka taʼan isaanitti murtaaʼuu dandaʼa.

Amajjii 27, 2020, Manni Murtii Magaalaa Kaarpiinsikii Aleeksaandar, Veeneeraa fi Daariyaan yakkamtoota akka taʼan murteesse. Manni murtichi akkuma tartiiba isaanitti waggaa lamaa fi walakkaa, waggaa lamaa fi waggaa tokko daangaa jala akka turan isaanitti murteesseera. Mana hidhaa kan hin galle yoo taʼaniyyuu, hanga yeroon isaanitti murtaaʼe xumuramutti dhorkaa jala jiru. Murtii isaan irratti darbeef ol iyyannoo ni dhiheessu.